Publicidade

Salmos 7

Daadimata Marroo Muraa Haqaa
Faaruu Daawitii ta gaddaa, ta inni marroo Kuushii gosa Beniyaaminiitiif, gara Mootii Waan Maraa faarse.

1 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, ani gara keeti baqadha;

worra na ari'u jalaa na hamburii, na baasi!

2 Yoo akkas hin te'in, addee nami na irraa buusu

hin jirretti na geessanee

akka neenqaa gargar na kukkutan.

3 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya,

ani nama tokko yoo yakkee jiraadhe,

harka kiyyaan dokonkora yoo hujee jiraadhe,

4 nama nageyaan na woliin le'u hantuu godhee,

yookiin diina kiyya sababa malee yoo saamee jiraadhe,

5 diinni kiyya ari'ee na qabuu ti;

lafa irratti na irra sirbee,

ulfinna kiyya bukuu keessatti lakkisuu ti.

6 Ee Mootii Waan Maraa, aarii teetiin ka'i;

worra mufi'iin na irratti ka'e irratti ka'i;

naa dammaqii, muraa haqaa ajaji.

7 Kolbaan biyya adda addaa

adaala keetitti wolitti qabamanuu ti.

Atille ol-gubbaa irraa isaan bulchi.

8 Mootii Waan Maraa,

kolbaa biyya adda addaa irratti muraa kenni;

akka balchumma'aa fi dhugaammessummaa tiyyaatitti

muraa naaf kenni.

9 Ee Waaqa balcha'a,

ka qalbi'ii fi gadhaa nama qorqortu,

hammeenna worra hamaaleyyi'ii balleessi;

worra balchoolee jabeessii dhaabi.

10 Waaqi wontee tiyya;

inni worra gadhaa qajeela'aa hin fayyisa.

11 Waaqi abbaa mura'aa balcha'a;

Waaqi yennaa mara nama hama'atti hin aara.

12 Nami hamaan hammeenna ifii irraa yoo hin deebi'in,

Waaqi shallaagaa ifii hin qarata;

guubee ifii hujee, qopheeffata.

13 Inni meya woraanaa ka ijjeesuu fi

daaya ifii ka akka ibiddaa bobe'u hin qopheeffata.

14 Kolbaan hantuun hammeenna yaaddi;

daba karoorfattee,

dhara dubbatti.

15 Nami boolla namaaf qotu,

ifumaafuu keessa bu'a.

16 Hammeenni inni yaadate mataa isaatitti garagala;

wonni inni hunnaan nama irratti huje

matuma isaatitti deebiti.

17 Sababa balchummaa isaatiif,

ani Mootii Waan Maraa hin galateessa;

maqaa Mootii Waan Maraa Ol Aana'aatiif

faaruu leellisaa hin faarsa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-