Pular para o conteúdo
Publicidade

Kitaaba Faaru'uu 93

Arnya Mootii Waan Maraa

1 Mootiin Waan Maraa mooti’i; inni arnya uffate;

arnya uffatee jabeennaan hidhate.

Biyyi lafaa jabaattee dhaabbatte;

isiin ijjumaa hin tachootu.

2 Barcumaan mootumma’aa keeti

durii duriitii jalqabee dhaabbate;

ati bara durii duriitii jalqaddee jirta.

3 Ee Mootii Waan Maraa, lagi hedduun ol kakka’e;

shookkisiisa ifii ol qabate;

danbalii shookkisiisa ifiille ol kaafate.

4 Shookkisiisa bisaan jabaa heddu’uu caalaa,

danbalii abbaaya’aa hunnaamettii caalaa,

Mootiin Waan Maraa ka ol-gubbaa jiru hunnaamessa.

5 Ee Mootii Waan Maraa, seerri keeti ka addatame;

manni keetille haga bara baraa woyyumma’aan ka miidhage.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também