Publicidade

Salmos 35

Diinota Jalaa Bayiisaaf Daadimata Dhikaate
Faaruu Daawitii.

1 Ee Mootii Waan Maraa,

worra natti ka'u irratti ka'i;

worra na lolu loli.

2 Wontee teetii fi meya lolaa keeti fudhadhuu

na qarqaariisaaf koy.

3 Worra na ari'utti ebo'oo fi urdee teeti fudhadhuutii,

lubbuu tiyyaan, «Ani fayyisaa keeti» jedhi.

4 Worri na ijjeesiisaaf barbaadu

fokkifatee qaanowuu ti.

Worri mala natti dhowu

gara duubaa deebi'ee salphatuu ti.

5 Ergamaan Waaqaa isaan ari'uun,

akka huura qilleensi afuufuu te'anuu ti.

6 Ergamaan Mootii Waan Maraa isaan ari'uun

karaan isaanii dukkanaa fi mucucoo te'uu ti.

7 Isaan sababa tokko malee

tiyyoo dhossa'aan naaf afanee,

na qabiisaaf boolla qotaneeran.

8 Adoo hin beekin

badiin isaan irratti dhuttuu ti.

Tiyyoon isaan dhossane

isaanuma qadduu ti;

Boolla qotane keessa bu'anee badanuu ti.

9 Lubbuun tiyya

Mootii Waan Maraatiin hin gammaddi;

fayyisiisa isaatiin gammaddee firinxiixxi.

10 Gadhaa kiyya tokkochaan,

«Ee Mootii Waan Maraa,

dadhaboolee

worra guddoo jajjabaa harkaa,

dadhaboole'ee fi hiyyeeyyiille

saantota harkaa ka baasu

ka akka keetii eennu?» jedha.

11 Dhugaa baatoti dharaa natti ka'ane;

marroo waan ani hin beennee na gaafatane.

12 Qofi-galeessa na godhanee

waan dansaa ani godheef,

hantuu naaf deebisane.

13 Ani ammoo yennaa isaan dhibamane,

woyaa gaddaa uffadhe;

laamiisaan ifi rakkise;

daadimati kiyyalle deebii dhabee,

14 akka waan jaalaaf

yookiin obboleessaaf gadduutitti gadde;

akka nama haadha ifiitiif bowuu,

mataa gad qabadhee bowe.

15 Yennaa ani gufadhe ammoo,

isaan gammadane;

dedhuma dhufanee

sababa malee arrabaan na kukkutane.

16 Akkuma worri Waaqa malee le'u godhu,

natti murgane;

ilkaan natti ciniinnatane.

17 Ee Gootta'a,

haga yoomii cadhittee na ilaalta?

Worra na miidhu,

ka akka neenqaa kana jalaa na baasi.

18 Achiin duuba ani kolbaa teeti keessatti

si hin galateeffadha;

kolbaa bacaa keessatti si hin leellifadha.

19 Worri akkasumaan diina natti te'u,

natti hin gammadin;

worri akkasumaan na jibbu

na irratti ilaan wolitti hin qiphifatin.

20 Isaan dubbii nageyaa hin dubbatanu;

worra biyya keessa nageyaan le'u irratti

dubbii dharaa yaadanee qopheessan.

21 Isaan, «Baga waan ati hujje dhaggine!» jedhaa,

afaan natti banan.

22 Ee Mootii Waan Maraa, ati tana dhaggiteerta,

hin cadhisin!

Ee Gootta'a, na irraa hin fagaatin!

23 Ee Gootta'a, Waaqa kiyya dammaqi!

Na irraa dhooggiisaaf ka'i!

Haajaa kiyyaaf loli.

24 Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa kiyya,

balchummaa teetiin naaf muri;

diinoti kiyya natti hin gammadin.

25 Isaan, «Halchaa gadhaa keennaa

baga dhagganne!

Nuuti ijjumaa isa balleessineerra» hin jedhin.

26 Worri rakkinna kiyyatti gammadu marti

fokkifatanee qaanowanuu ti;

worri na irratti ifi saadu marti

fokko'oo fi salphinna uffatuu ti.

27 Worri muraa haqaa

dhaggatiisa kiyyatti gammadu marti

gammadaan ilillisanuu ti;

isaan «Mootiin Waan Maraa gudda'a!

Inni yennaa tajaajilaan nageya dhaggatu

hin gammada!» jedhanuu ti.

28 Arrabi kiyya balchummaa teetii dubbataa,

guyyaa guutuu si hin leellisa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-