Publicidade

Salmos 108

Leellisaa fi Daadimata Qarqaarsa Dhaggatiisaaf Dhikaate
Faaruu. Faaruu Daawitii.

1 Ee Waaqa, gadhaan kiyya hin mamu;

ani gadhaa tokkochaan,

meya faaru'uu ka adda addaatiin hin faarfadha!

2 Ee kiraara guddicha, ee maseenqo'o dammaqa'a!

Anille boruu hin dayyaasa.

3 Ee Mootii Waan Maraa,

ani gosa biyya adda addaa oddu'utti si galateeffadha.

Ani gosa biyya adda addaa oddu'utti faaru'uun si leellisa.

4 Jaalalli keeti ka bara baraa guddaa waan te'eef,

akka ol-gubba'aa ol fagaata;

addatamummaan teeti duumensa dhaqqaddi.

5 Ee Waaqa, ol-gubba'aan gubba'atti saadami;

ulfinni keeti lafa duudii irratti te'uu ti.

6 Kolbaan ati jaalatu akka baatu,

hunna teetiin nu baasi;

daadimata keennaafille deebii kenni.

7 Waaqi addee woyyittii ifii keessaa, «Ani injifadhee,

lafa, ‹Sheekem› jedhantu hin hira;

dhooqa Suukootii kolbaa tiyyaaf hin qooda.

8 Latti Giil'aadii tiyya; latti Minaase'eelle tiyya;

Efreem gullee tiyya ta sibiilaa ti;

Yihudaan ulee tiyya ta bokku'uu ti.

9 Mo'aab gabataa kiyya ka itti dhiqataa ti;

Edoom kiyya akka te'e mirkaneessiisaaf,

kophee tiyya irratti hin qolaansa;

Filisxeemota irratti injifanno'oon ilillisa» jedheera.

10 Gara qachaa guddicha dalleya

dhaka'aatiin marfamee eentu na fida ree?

Akka loluuf gara Edoomii eentu na geessa ree?

11 Ee Waaqa, ati nu gatteerta;

loltoota teenna woliin bayiisa lakkitteerta.

12 Qarqaarsi namaa womaa waan nu'uuf hin baneef,

diinota keenna akka lolluuf,

ati nu qarqaar.

13 Qarqaarsa Waaqaatiin hin injifanna;

inni diinota keenna hin salphisa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-