Publicidade

Salmos 86

Daadimata Qarqaarsa Waaqaa Dhaggatiisaaf Dhikaate
Daadimata Daawitii.

1 Ee Mootii Waan Maraa, ani hiyyeessa rakkataa waan te'eef,

gurra keeti gara kiyya deebifadhuutii,

naa dhage'i.

2 Ani waan si'iif ifi kenneeruuf,

jiruu tiyya eegi;

tajaajilaa keeti ka sitti addatu baasi;

ati Waaqa kiyya.

3 Ani guyyaa guutuu gara keeti waan iyyuuf,

ee Mootii Waan Maraa, na marari.

4 Ee Mootii Waan Maraa,

ani lubbuu tiyya sitti waan kennadheeruuf

ana tajaajilaa keeti gammachiisi.

5 Ee Mootii Waan Maraa, ati dansa'a;

namaafille hin araaranta;

worra si waammatuuf,

jaalala keeti ka bara baraa hin baceessita.

6 Ee Mootii Waan Maraa, daadimata kiyya dhage'i;

iyya gaaffii tiyyaa caqasi.

7 Ati waan deebii naa kennituuf,

ani guyyaa rakkinna kiyyaa

si waammadha.

8 Ee Mootii Waan Maraa,

waaqota keessaa ka akka keetii hin jiru;

hujiin akka hujii teetiille hin jirtu.

9 Gootta'a, kolbaan biyya adda addaa

ta ati dadde marti gara keeti dhuttee,

si'iif hin sagaddi;

maqaa keetiifille ulfinna hin kenniti.

10 Ati guddaa waan teeteef,

hujii baasaa hin hujja;

ati callaan Waaqa.

11 Ee Mootii Waan Maraa,

ani dhugaa teetiin akka deemuuf,

karaa keeti na barsiisi;

Akka ani maqaa keeti sodaadhuuf,

nama gadhaa tokkochaa na godhi.

12 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya,

ani gadhaa tokkochaan si galateeffadha;

maqaa keetiifille

haga bara baraa ulfinna hin keenna.

13 Jaalalli keeti ka bara baraa

ka ati naaf qaddu gudda'a;

ati lubbuu tiyya

qilee addee worri du'e jiru irraa hamburteerta.

14 Ee Waaqa,

worri bondhooru na irratti ka'eera;

goliin worra gadhaa jabaatuu,

lubbuu tiyya balleessiisaaf barbaadan;

isaan woyittuu si hin laakkowanu.

15 Ee Gootta'a, ati ammoo,

Waaqa mararaa arja'a;

aari'iif hin ariifattu;

jaalalli keeti ka bara baraatii fi

addatamummaan teetille baca'a.

16 Gara kiyya deebi'ii, na marari;

hunna teeti ana tajaajilaa keetiif kenni;

ana ilma garbittii teetii baasi.

17 Ee Mootii Waan Maraa,

ati waan na qarqaartee

na jajjabeessiteef,

diinoti kiyya dhagganee akka fokkifatanu,

beessisa fudhatama keeti dhaggatiisaa

na irratti mudhisi.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-