Publicidade

Salmos 68

Leellisaa Fi Galateeffatiisa
Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.

1 Waaqi ol ka'uu ti;

diinoti isaa bittinnowanuu ti.

Worri isa jibbulle isa duraa baqatuu ti.

2 Akkuma qilleensi aara oofu,

atille isaan oofi;

akkuma gagaan ibidda duratti baqu,

worri hamaalle Waaqa duraa baduu ti.

3 Worri balchooleen gammadanuu ti;

isaan Waaqa duratti ilillisanuu ti;

gammadaan firinxiixanuu ti.

4 Waaqaaf faarfadha'a;

faaruu leellisaatiin maqaa isaa faarfadha'a;

ka duumensa irra deemu saada'a;

maqaan isaa Mootii Waan Maraa ti;

isa duratti ilillisa'a!

5 Waaqi addee woyyittii ifii keessa jira;

ijoollee abbaa hin qanneef abba'a;

haadhotii hiyyeessaatiifille abbaa mura'aa ti.

6 Waaqi worra qofi le'uuf maatii hin kenna;

worra hidhamelle qananumma'atti hin baasa;

finqiltooti ammoo goomolee godduu keessa le'an.

7 Ee Waaqa, yennaa ati kolbaa teeti sooressite,

goomolee keessa yennaa ideente,

8 Waaqa gaara Siina'aa duratti,

Waaqa Israa'elii duratti,

latti tachootee

ol-gubbaan bokkeya kennite.

9 Ee Waaqa, ati bokkeya bacaa roobisiitte;

lafa teeti ta godde haaressite.

10 Kolbaan teeti achitti qubatte.

Eebba keetiin worra hiyyeeyyi'iif

waan isaaniif barbaachisu kennite.

11 Goottaan ajaja baase;

dubartooti hedduun oduu san dabarsane:

12 «Moototii fi loltooti isaanii ariiti'iin baqatane;

dubartooti mana jiranu boojuu qoodamane;

13 Worri hoolee tissiisaaf duubatti hafe

fakkii saphaliisaa ta koolli isi'ii meetii,

ta baalli isi'ii worqii bifa magariisaa

itti gonfame yennaa qoodamanu

isin maaf gooree hoole'ee keessa rattane?» jedhane.

14 Ka waan mara dande'u

yennaa mootota lafa sanii bittinneesse,

dhakaan bokkeyaa gaara Zaalmon irratti bu'e.

15 Gaarri Baashaanii gaara ol aana'a;

gaarri Baashaanii qaccee hedduu qaba.

16 Ee isin gaaroti qaccee hedduu qaddanu,

gaara Waaqi irra le'iisaaf filate,

ka Mootiin Waan Maraa haga bara baraa irra le'u,

maaf ila hinaaffa'aatiin ilaaltan.

17 Garreettaa fardo'oon harkifamu

ka Waaqaa kuma hedduu woliin,

Goottaan gaara Siina'aa irraa

gara addee woyyittii ifii dhufa.

18 Mootii Waan Maraa Waaqa,

ati yennaa ol baate,

boojuu fudhattee gara addee leetuu dhaxxe;

kolbaa mara irraa,

worra si mormu irralle'ee kennansa fudhatte.

19 Goottaan, Waaqi fayyisaan keenna,

ka guyyaa mara ba'aa teenna ba'atu,

leellifamuu ti.

20 Waaqi keenna, Waaqa nu fayyisu;

Mootiin Waan Maraa Waaqi ka du'a jalaa nu baasu.

21 Waaqi ammoo mataa diinota ifii,

buqqii mataa worra karaa cubbuu ifiititti jabaatuu hin butucha.

22 Goottaan, «Ani diinota keeti biyya Baashaaniitii fi

qilee abbaaya'aa keessaa deebisee hin fida;

23 Achiin duuba ati dhiiga isaanii keessa ijjatta;

sareeleen teetille qooda ifii hin arraabbatan» jedhe.

24 Ee Waaqa, gogeessi worra si woliin jiruu,

ka ati Waaqi mootiin kiyya

gara addee woyyittii teetii seentu mudhate.

25 Worri faarfatu fuula duraan,

worri meya faarfanna'aa dhowanu duubaan,

ijoolleen durra ta dibbee dhoottu,

wodhakkaa isaaniitiin jiraniiyyu.

26 Isaan, «Gumii guddoo keessatti Waaqa leellisa'a;

gumii kolbaa Israa'elii keessatti

Mootii Waan Maraa leellisa'a» jedhan.

27 Gosi Beniyaaminii diqqoon isaan sooressiti;

qondaaltoti Yihuda'aa golii ifii woliin,

qondaaltoti Zebulooniitii fi

qondaaltoti Naftaalemii achi jiraniiyyu.

28 Ee Waaqa, hunna teeti ajaji;

akkuma dur nuuf goote,

ee Waaqa jabeenna keeti mudhisi.

29 Sababa Dunkaanii Woyyittii teeti

ta Yerusaalem keessaatiif,

moototi kennansa si'iif fidan.

30 Biyya Gibxi'ii,

ta akka bineensa shonbooqqoo keessaa xixi;

mootota biyya adda addaa,

ta akka korommi'iitii fi jabbi'ii xixi.

Akka meeti'iin gabbaranu jilbiiffatanuu ti;

gosa biyya adda addaa ta lola jaalattu bittinneessi.

31 Ergantooti biyya Gibxi'ii irraa hin dhufan;

kolbaan Itoophiya'aa

harka ifii gara Waaqaa hin diriirsiti.

32 Ee isin mootummooti biyya lafaa

Waaqaaf faarfadha'a;

faaruu leellisaa Gootta'aaf faarsa'a.

33 Ka ol-gubbaa durii duriitii jalqaddee jirtu,

gubbaa ideemuuf faarfadha'a;

inni qoonqoo ifii jaddu'uun

mandi'uun caqasa'a.

34 Waaqa arnyi isaa Israa'el irra jiru,

ka hunni isaa gubbaa keessa jirtu,

hunna isaa lallaba'a.

35 Waaqi, addee woyyittii ifii keessaa,

attam attam sodaachisa;

inni kolbaa ifii Israa'eliif

hunnaa fi jabeenna kenna;

Waaqi leellifamuu ti.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-