Publicidade

Salmos 98

Abbaa Mura'aa Ka Biyya Lafaa Leellisa'a
Faaruu

1 Inni hujii maade'ee waan hujeef,

faaruu haareya Mootii Waan Maraatiif faarsa'a;

inni harka ifii middichaa fi

irree ifii woyyitti'iin injifateera.

2 Mootiin Waan Maraa

fayyisiisa ifii akka beekkamu godheera;

balchummaa ifiille

gosa biyya adda addaatitti mudhiseera.

3 Inni jaalala ifii ka bara baraatii fi

addatamummaa ifii

mana Israa'eliitiif yaadateera;

worri qaccee lafaa jiru marti

fayyisiisa Waaqa keennaa dhagganeeran.

4 Kolbaan lafa irraa marti

Mootii Waan Maraatiif ilillisa'a;

gammadaa fi faaru'uun isa leellisa'a.

5 Qoonqoo kiraara guddichaatiin

kiraaraa guddichaa fi faaru'uun

Mootii Waan Maraa leellisa'a.

6 Tultulla'aa fi tultullaa gaafa hoole'ee afuufaa,

Mootii Waan Maraa mooticha duratti ilillisa'a.

7 Abbaaya'aa fi wonni isii keessaa marti,

biyyi lafaatii fi wonni isii keessa le'u marti

shookkisanuu ti.

8 Lagooti harka dhowanuu ti;

gaaroti adduma tokko ilillisanuu ti.

9 Mootiin Waan Maraa

kolbaa lafaatitti muriisaaf waan dhufuuf,

isa duratti faarfatanuu ti.

Inni biyya lafaatitti balchumma'aan,

kolbaa maratti haqaan hin mura.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-