Pular para o conteúdo
Publicidade

Kitaaba Faaru'uu 53

Hammeenna Namaa

Sooressa faarfattootaatiif, wolaloo Daawitii, ta akka yoyyoma, «Mahalaat» jedhamee beekkamutti faarfatante.

1 Gowwooleen gadhaa ifii keessatti,

«Waaqi hin jiru» jedhan;

isaan worra bada’a;

waan gadhee hujan;

isaan keessaa

ka waan dansaa huju tokkolle hin jiru.

2 Worra qaroolee Waaqa barbaadu,

yoo jiraatane dhaggiisaaf,

Waaqi ol-gubbaa irraa,

gara ilmaan namaa gad ilaala.

3 Isaan ammoo martinuu dudda itti galaneeran;

martinuu wolumatti worra badaa te’aneeran;

isaan keessaa ka waan dansaa huju hin jiru;

tokkolle hin jiru.

4 Worri hamaaleyyiin womaa hin hubatuu?

Akkuma nami sagalee nyaatu

worri kolbaa tiyya nyaatu,

gara Waaqaa hin daadimatu.

5 Isaan addee wonni sodaatanu hin jirretti,

sodaatanee bararaqan.

Waaqi lafee diina kolbaa ifii hin bittinneessa;

Waaqi waan isaan jibbeef,

isin kolbaan Waaqaa isaan hin qaanessitan.

6 Xiyoon keessaa

Israa’eliif fayyinni adoo dhufee jiraatee!

Yennaa Waaqi boojuu kolbaa ifii deebisu,

sanyiin Yaaqoobii burraaxxuu ti;

kolbaan Israa’elii gammadduu ti.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também