Publicidade

Salmos 128

Gatii Nama Waaqaaf Ajajamuu
Faaruu Ittiin Ol Bayanu

1 Nami Mootii Waan Maraa sodaatu marti,

ka karaa isaa ideemu ka gammade.

2 Waan harka keetiin eloottee

dhaggatte hin nyaatta;

ati hin gammadda; hin milkoottalle'e.

3 Niitiin teeti mana keeti keessatti,

akka muka woyni'ii

ka midhaan buusuu hin teeti;

ijoolleen teeti adaala qorii teetiititti,

akka lattuu muka ejersaa hin teeti.

4 Nami Mootii Waan Maraa sodaatu

akkana hin eebbifama.

5 Mootiin Waan Maraa

gaara Xiyoonii irraa si eebbisuu ti;

bara jiruu teetii mara,

qananummaa Yerusaalemii dhaggi.

6 Ijoollee ijoollee teetii dhaggi;

Nageenni Israa'eliif te'uu ti.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-