Publicidade

Salmos 8

Guddinna Waaqaatii Fi Ulfinna Namaa
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta suusulle'een faarfatante.

1 Ee Mootii Waan Maraa, Goottaa keenna!

Maqaan keeti lafa maratti attam attam gudda'a!

Ulfinna keeti ol-gubbaa irratti diriirsiteerta.

2 Diinota keeti loliisaaf,

nyaaphotaa fi worra haluu bayu cadhi godhiisaaf,

afaan ijoolle'eetii fi daa'immaan harma hootuutiin,

hunna qopheessite.

3 Ani ol-gubbaa ati dadde,

hujii harka keetii,

ji'aa fi urjoota ati dadde

yennaa ilaalu,

4 akka ati isaaf yaadattuuf,

nami maan inni?

Akka ati isa kunuunsituuf,

ilmi namaa maan inni?

5 Ati diqquma Waaqa isa hanqittee,

kallacha guddinnaa fi ulfinnaa itti keette.

6 Hujii harka keetii mara irratti bulchaa isa gootee,

waan mara baallii ilma namaatiin jala goote.

7 Hoole'ee fi loon mara,

bineensota,

8 sinbirrootaa fi qurxummii mara,

dada abbaayaa keessaa mara

baallii ilma namaatiin jala goote.

9 Ee Mootii Waan Maraa, Goottaa keenna!

Maqaan keeti lafa maratti attam attam gudda'a!

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-