Publicidade

Salmos 62

Waaqa Qofatti Addatuu
Faaruu Daawitii sooressa faarfattootaa Yedutu'uuf.

1 Fayyinni kiyya isa irraa waan dhufuuf,

lubbuun tiyya Waaqa qofa cadhittee eegatti.

2 Inni callaan rassaa kiyyaa fi fayyinna kiyya;

inni kushee tiyya; ani ijjumaa hin raafamu.

3 Nama akka dalleya dhaka'aa ka duufee,

akka dalleya daaqee te'e tokko,

isin haga yoomii isa lolaa teettan ree?

4 Isaan nama san addee ulfinnaa irraa

gad isa buusiisaaf barbaadan.

Dhara dubbatiisatti gammadan;

afaan ifiitiin hin eebbisan;

gadhaa ifiitiin ammoo hin abaaran.

5 Lubbuun tiyya Waaqa qofa cadhittee eeggatti;

addiin tiyya isa irraa naa dhutti.

6 Inni callaan rassaa kiyyaa fi fayyinna kiyya;

inni kushee tiyya; ani ijjumaa hin raafamu.

7 Fayyinnii fi ulfinni kiyya Waaqa irraa dhufe;

inni rassaa jabaa kiyya; addee ani itti baqadhulle'e.

8 Ee kolba'a, yennaa mara Waaqatti addadha'a;

Waaqi ka itti baqannu waan te'eef,

yaada gadhaa keessanii mara itti himadha'a.

9 Ilmaan namaa akka qilleensaa ti;

namooti marti womaa moti.

Isaan yoo madaalamane,

qilleensa caalaa sallatan.

10 Hunnaan saamiisatti hin addatina'a;

waan hannaan dhaggameen hin koorina'a;

yoo karri teessan ede'antelle,

addii itti hin godhatina'a.

11 Waaqi takkaa dubbateera;

ani waan lama dhage'eera.

Sunille, «Hunni ta Waaqaa ti;

12 jaalalli bara baraa ka Gootta'aa ti» ta jettu.

Ee Gootta'a ati maraafuu

akka hujii isaatitti gatii isaaf kaffalta.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-