Publicidade

Salmos 147

Leellisa Waaqa Waan Mara Dande'uuf Dhikaatu

1 Mootii Waan Maraa leellisa'a;

Waaqa keenna fuuru'uun leellisiis

attam attam dansa'a!

Isa leellisiis nama gammachiisa;

dansaalle'e.

2 Mootiin Waan Maraa

Yerusaalem deebisee hin ijaara;

namoota Israa'elii

ka bittinnowanelle deebisee hin fida.

3 Inni worra gaddaan

gadhaan isaanii madaye hin fayyisa;

madaa isaaniille hin hidha.

4 Inni laakkossa urjootaa haga beeka;

mara isaaniituu maqaa isaaniitiin waama.

5 Mootiin Waan Maraa keenna gudda'a;

akka malee hunna qaba;

beekkumsi isaalle

hagana hin jedhamu.

6 Mootiin Waan Maraa

worra gad ifi qabu ol hin qaba;

worra hamaaleyyii ammoo

lafatti jissa;

7 Faaruu galataa

Mootii Waan Maraatiif faarsa'a;

kiraara guddichaan Waaqaaf faarsa'a.

8 Inni ol-gubbaa duumensaan golla;

lafaaf rooba kenna;

koobota irratti marri akka latu godha.

9 Inni hori'iif waan nyaatanu hin kenna;

ilmooleen harraaqessaa yennaa iyyitu

inni isaan hin soora.

10 Inni jabeenna fardaatiin,

yookiin jabaanna rukkee miila namaatiin

hin gammadu.

11 Mootiin Waan Maraa worra isa sodaatu,

jaalala isaa ka bara baraatitti

addii godhatuun gammada.

12 Ee Yerusaalem,

Mootii Waan Maraa leellifadhu;

Ee Xiyoon, Waaqa keeti saadadhu.

13 Inni danqaraa karra teetii hin jabeessa;

kolbaa si keessatti hin eebbisa.

14 Meessaa keeti nageya hin godha;

qamadii dansa'aan si hin quussa.

15 Inni ajaja ifii gara lafaa hin erga;

jechi isaa ariiti'iin hin muummowa.

16 Inni dhakaa roobaa

akka fuutta'aa diriirsa;

qorra akka daadha'aa facaasa.

17 Inni dhakaa roobaa

akka katta'aa godhee gad buusa;

qorra isaa

eentu dura dhaabbatuu dande'a?

18 Inni jecha ifii hin erga;

dhakaan roobaa sun hin baqa;

qilleensi akka dhufu hin godha;

dhakaan roobaa sunille

bisaan te'ee yaa'a.

19 Inni jecha ifii sanyii Yaaqoobiititti

seera ifiitii fi qajeelcha ifii

Israa'elitti hin hima.

20 Inni gosa biyya dhibi'iitiif

akkas hin goone;

isaan seera isaa hin beekanu.

Mootii Waan Maraa leellisa'a.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-