Publicidade

Salmos 63

Waaqa Barbaadiisa
Faaruu Daawitii ta inni yennaa goomolee Yihuda'aa keessa jiru Faarfate.

1 Ee Waaqa, ati Waaqa kiyya;

ani si barbaada.

Akka lafa bisaan dhaddee goggoddee,

lubbuun tiyya si dheebotti;

nafi kiyyalle si dharra'a.

2 Tanaaf, ani Dunkaanii Woyyittii teeti keessatti

si ilaalee,

hunnaa fi ulfinna keeti dhagge.

3 Jaalalli keeti ka bara baraa

jiruu waan caaluuf,

arrabi kiyya si leellisa.

4 Ani haga jiru si leellifadha;

harka kiyya ol qabadhee,

maqaa keeti waammadha.

5 Akka sagalee dansaa nyaatteetitti,

lubbuun tiyya quutte;

afaan kiyya arraba ililleetti'iitiin si leellisa.

6 Taqee tiyya irratti si qaabadha;

halkan duudii marroo teeti yaada.

7 Ati qarqaarsa kiyya waan teeteef,

gaaddisa bobaa teetii jalatti,

gammadaan faarfadha.

8 Lubbuun tiyya sitti maxxanti;

harki keeti middichi ol na qaba.

9 Worri jiruu tiyya balleessiisaaf barbaadu,

qilee lafa jalaatitti gad bu'a.

10 Isaan shallaagaa afaan bu'an;

jeedalaaf sagalee te'an.

11 Mootichi ammoo

Waaqaan hin gammada;

worri maqaa Waaqaatiin kakatu marti

Waaqa hin leellisa;

afaan worra dharaameyyi'ii hin cufama.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-