Pular para o conteúdo
Publicidade

Kitaaba Faaru'uu 137

Gadda Israa’elootaa Ka Boojuu Keessaa

1 Nuuti laga Baabilonii bira teennee,

yennaa Xiyoon qaabanne boonne.

2 Muka olaati’ii irratti

kiraarota keenna gugurdaa san fafanninne.

3 Worri booji’ee nu farrisiisu,

achitti faaruu isaan gammachiittu

akka faarsinu nu gaafatanee,

«Faaruu marroo Xiyoonii keessaa

takkattii faarsa’a» jedhane.

4 Lafa ormaa keessatti,

nuuti attam faaruu Mootii Waan Maraa

faarsuu dandeenna ree?

5 Ee Yerusaalem, yoo ani si dedhe,

harki kiyya middichi

ogummaa ifii dedhuu ti.

6 Yerusaalem, ani yoo si hin qaabatin,

waan itti gammadu mara

yoo si hin caalchisin,

arrabi kiyya laagadaa kiyyatti goguu ti.

7 Ee Mootii Waan Maraa,

guyyaa Yerusaalem diigante,

worri Edoomii, «Diiga’a! Diiga’a!

Haga hundee isi’iititti gad jissa’a!»

attam akka isaan jedhane qaabadhu.

8 Ee Baabilonii diigantu!

Waan ati nu irratti goote,

ka deebisee si irratti godhu ka gammade.

9 Ka daa’immaan teeti qabee,

rassaa irratti macalaasu ka gammade.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também