Publicidade

Salmos 16

Waaqatti Addii Godhatiisaaf Daadimata Dhikaate
Faaruu Daawitii.

1 Ee Waaqa, ani sitti waan baqadhuuf,

ati na eegi.

2 Ani Mootii Waan Maraatiin,

«Ati Goottaa kiyya;

si'iin malee ani waan dansaa hin qabu» jedhe.

3 Worri isaaf woyyoomee lafa irra le'u, ka ulfaate;

ani isaanitti gammada.

4 Worra waaqota dhibii waaqonfatu

gadda gudda'atti isaan dhaqqaba.

Ani waaqota dharaatiif

ciincaa dhiigaa hin dhikeessu;

afaan kiyyalle'een maqaa isaanii hin dhowu.

5 Ee Mootii Waan Maraa,

qoodi lafa tiyyaatii fi hireen tiyya si'i.

Qoodi lafa tiyyaa harka keeti keessa jira.

6 Wodaroon tiyya ta meessaa ittiin mikanu

addee dansaa irra naaf buute;

dhugumaan ani lafa dansaa qaba.

7 Ani Mootii Waan Maraa

ka gorsa naaf kennu hin leellifadha.

Halkan keessalle

wodanaan kiyya ifi na eeggachiisa.

8 Mootiin Waan Maraa

fuula kiyya dura akka naaf jiru,

ani yennaa mara hin beeka.

Inni midda kiyya waan jiruuf,

ani hin raafamu.

9 Tanaaf, gadhaan kiyya hin gammada;

arrabi kiyya hin ilillisa;

nafi kiyyalle sodaa malee hin foorfata.

10 Ati addee worri du'e jirutti

waan na hin lakkinneef,

ati woyyicha keeti akka shamu hin gootu.

11 Ati daandii jiru'uu natti hin mudhitta;

gammadi guutuun fuula keeti dura,

wonni haga bara baraa nama gammachiisu

harka keeti middicha keessa jira.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-