Publicidade

Salmos 143

Diinota Jalaa Bayiisaaf Daadimata Dhikaate
Faaruu Daawitii

1 Ee Mootii Waan Maraa,

daadimata kiyya dhage'i;

gurri keeti iyya tiyya caqasuu ti;

addatamumma'aa fi balchummaa teetiin

deebii naaf kenni.

2 Si duratti nami balchaan waan hin jirreef,

ana tajaajilaa keeti mura'atti hin dhikeessin.

3 Diinni kiyya na ari'iisatti jira;

lafatti na butuchee,

akka worra bara dheera'aan dura du'ee,

dukkana keessa akka tee'u na godhe.

4 Maarre ani addii kutatiisa geyeera;

gadhaa kiyya keessatti sodaadheera.

5 Waan bara durii te'e hin qaabadha;

waan ati goote mara

itti deddeebi'ee hin yaada;

waan harki keeti huje hin herrega.

6 Ani harka kiyya gara keeti badhisa;

akka lafa goddee,

lubbuun tiyya si dheebotti.

7 Ee Mootii Waan Maraa,

ani addii kutatiisa geyeera;

ariifadhuu deebii naa kenni;

yookiin ani akka worra

gara boollaa gad bu'uu hin te'a;

fuula keeti na duraa hin dhoffatin.

8 Ani waan si addadhuuf,

ganama ganama bari'iin

jaalala keeti ka bara baraa natti lallabi.

Lubbuun tiyya gara keeti waan yaadduuf,

karaa ani irra deemu'uu male na barsiisi.

9 Ani gara keeti waan baqadheef,

Ee Mootii Waan Maraa,

diinota kiyya jalaa na baasi.

10 Ati Waaqa kiyya waan teeteef,

fedhii teeti akka muummessu na barsiisi.

Ayyaanni keeti dansaan

daandii qajeelaa irra na sooressuu ti.

11 Ee Mootii Waan Maraa,

maqaa keetiif jedhiitii,

lubbuu tiyya jiraachisi;

balchummaa teetiin

rakkinna keessaa na baasi.

12 Jaalala keeti ka bara baraatiin,

diinota kiyya fixi;

ani tajaajilaa keeti waan te'eef,

nyaaphota na rakkisu mara balleessi.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-