Pular para o conteúdo
Publicidade

Kitaaba Faaru'uu 110

Mooticha Mootiin Waan Maraa File

1 Mootiin Waan Maraa Goottaa110:1 Goottaa: Goottaan kun Masiihii. kiyyaan,

«Haga ani diinota keeti

ejjata miila keetii jala kewutti,

ati midda kiyya tee’i» jedhe.

2 Mootiin Waan Maraa

Xiyoon irraa ulee bokku’uu

ta jabeenna keetii si’iif hin erga;

atille diinota keeti irratti mootii te’i!

3 Guyyaa ati diinota keeti loltu,

kolbaan teeti fedhii ifiitiin si woliin hin duulan;

dargaggooti teetille akka fixeensa dayya’a boru’uu,

kooba woyyittii irratti gara keeti hin dhufan.

4 Mootiin Waan Maraa,

«Akkuma hayyummaa Malkiisedeqii,

ati hayyuu bara baraa ti» jedhee kakateera;

inni yaada ifii hin jijjiiratu.

5 Mootiin Waan Maraa midda keeti jira;

guyyaa mufii ifii mootota hin butucha.

6 Inni gosa biyya adda addaatitti hin mura;

reeffa isaan keessa hin guuta;

bulchitoota lafaa duudiille hin butucha.

7 Mootichi madda karaa cina’aa keessaa

bisaan hin una;

tanaaf inni mataa ifii ol hin qabata.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também