Publicidade

Salmos 43

Daadimata Nama Booji'amee
(Faaruu 42 irraa itti fufe)

1 Ee Waaqa, naaf muri;

worra si'itti hin dhugeeffanne duratti naaf falmi;

worra dharaameyyi'ii fi hamaaleyyii jalaa na baasi.

2 Ati Waaqa ani itti baqadhu;

ati maaf na lakkitte ree?

Ani diinota kiyyaan cunqurfamee

maaf bowaa ideema ree?

3 Ifa keetii fi dhugaa teeti ergi;

isaan na sooressaa gara kooba teeti woyyitti'ii

gara Galma ati keessa leetuu na fidanuu ti.

4 Achiin duuba ani gara addee ciinca'aa ta Waaqaa

gara Waaqa itti gammaduu hin dhaqa;

ee Waaqa, Waaqa kiyya,

ani kiraara kiyya guddichaan si leellisa.

5 Ee lubbuu tiyya maaf gaddita?

Na keessatti maaf jeeqanta?

Ani deebi'ee Waaqa fayyisaa kiyya waan leellifadhuuf,

Waaqa keetitti addii godhadhu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-