Publicidade

Salmos 125

Wobii Kolbaa Waaqaa
Faaruu Ittiin Ol Bayanu

1 Worri Mootii Waan Maraatitti addatu

akka gaara Xiyoonii,

ka ijjumaa hin tachoone,

ka haga bara baraa jabaatee dhaabbatuu ti.

2 Akkuma gaaroti Yerusaalem marsaneeranu,

ammaa jalqabee haga bara baraa,

Mootiin Waan Maraa

kolbaa ifii hin marsa.

3 Worri hamaan

lafa worra balchoole'ee hin bulchanu;

yoo bulchane,

kolbaan balchaan

waan hantuu hujiisaaf harka diriirfatti.

4 Ee Mootii Waan Maraa,

worra dansaa te'eef,

worra gadhaa ifii keessatti

qajeelaa te'eefille dansaa godhi.

5 Ammoo, Mootiin Waan Maraa

worra waan hantuu huju,

worra karaa dabaalessa ifii gula deebi'e

woliin hin gata.

Nageenni Israa'eliif te'uu ti.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-