Publicidade

Salmos 101

Waadaa Mootichaa
Faaruu Daawitii.

1 Ani marroo jaalala keeti ka bara baraatii fi

marroo muraa haqaa teetii hin faarfadha;

ee Mootii Waan Maraa

faaruu leellisaa sii hin faarsa.

2 Ani jiruu komii hin qanne le'a.

Ati yoom gara kiyya dhutta?

Ani mana kiyya keessa

komii malee ideema.

3 Ani waan hantuu ila tiyya dura hin keyadhu;

ani hujii worra Waaqa irraa goree hin jibba;

isiin natti hin maxxantu.

4 Namooti yaada micciiramaa qabanu

na irraa fagaatanuu ti;

ani waan hantuu woliin tokkummaa hin qabu.

5 Nama ollaa ifii dhossa'aan hamatu,

hin balleessa;

nama nama tuffatuu fi

nama kooruuf ani hin ossadhu.

6 Akka isaan na woliin le'anuuf,

ilti tiyya gara worra addatamaa

lafa tana keessa jiranuu hin ilaalti.

Nami karaa komii hin qanne ideemu

inni na hin tajaajila.

7 Nami nama sobu mana kiyya keessa hin le'u;

nami dhara dubbatu na dura hin dhaabbatu.

8 Ani guyyuma guyya'aan

worra hamaa lafa tana keessa jiranu hin balleessa;

worra hantuu huju mara

qachaa Mootii Waan Maraa keessaa hin balleessa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-