Publicidade

Salmos 146

Waaqa Fayyisaa Leellisuu

1 Mootii Waan Maraa leellisa'a!

Ee lubbuu tiyya

Mootii Waan Maraa leellisi!

2 Ani bara le'ii tiyyaa mara

Mootii Waan Maraa leellisa;

haga jiru mara Waaqa kiyyaaf

faaruu leellisaa hin faarfadha.

3 Worra isin baasuu hin dandeenne,

qondaaltota ilmaan namaa

itti hin addatina'a!

4 Isaan yennaa du'anu,

gara biyye'ee deebi'an;

guyyuma san karoorri isaanii hin bada.

5 Nami Waaqi Yaaqoobii qarqaarsa isaa te'e,

ka Mootii Waan Maraa

Waaqa ifii addii godhatu gammaduu ti.

6 Mootiin Waan Maraa ol-gubba'aa fi lafa,

abbaaya'aa fi

waan isaan keessa jiru mara dade;

inni haga bara baraa

addatamummaa ifii hin eegata.

7 Inni worra cunqurfameef

haqaan mura;

worra beeloteef sagalee kenna.

Mootiin Waan Maraa

worra hidhame bilisa baasee,

8 worra ballaa ila bana.

Worra gad jedhe ol qaba;

worra balchaa jaalata.

9 Mootiin Waan Maraa alagaa hin eega;

inni ijoollee abba'aa fi haadha hin qannee fi

haadhotii hiyyeessaa hin qarqaara;

karaa worra hama'aa ammoo hin balleessa.

10 Ee Xiyoon,

Waaqi keeti Mootiin Waan Maraa,

dhalootaa haga dhalootaatitti,

haga bara baraa hin bulcha.

Mootii Waan Maraa leellisa'a.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-