Publicidade

Salmos 51

Daadimata Araara Dhaggatiisaaf Dhikaate
Faaruu Daawiti sooressa faarfattootaatiif. Daawiti Baat-Sheebaa gaarayyeeffateen duuba yennaa raagichi Naataan gara isaa dhufe ta inni faarfate.

1 Ee Waaqa,

sababa jaalala keeti ka bara baraatiif,

na marari.

Sababa gadhi-laafummaa teeti guddo'ootiif,

yakkaa tiyya haxowii balleessi.

2 Yakkaa tiyya mara dhiqii balleessi;

cubbuu tiyya irraa na qulqulleessi.

3 Ani yakkaa tiyya waan beekuuf,

yennaa mara cubbuun tiyya

fuula kiyya dura jirti.

4 Ani si irratti ka'ee, si qofa yakkee,

waan hantuu si duratti godhe.

Tanaaf dubbiin ati na irratti dubbatte dhuga'a;

muraan ati natti murtelle haqa.

5 Dhugumaan ani cubbu'uun dhaladhe;

yennaa haati tiyya na ulfoottuu ani cubbicha.

6 Ati keessa namaatitti dhugaa hin halchita;

tanaaf, gadhaa kiyya ka dhossa'aa keessatti

qarummaa na barsiisi.

7 Baala hisoophiitiin fiffixiitii,

cubbuu irraa na qulqulleessi;

anille hin qulqullowa;

na dhiqi; anille dhakaa roobaa caalaa hin addaadha.

8 Ililleetti'ii fi gammada na dhageessisi;

ati na caccassitee butuchitulle

ani deebi'ee hin gammada.

9 Fuula keeti cubbuu tiyya irraa deebifadhu;

yakkaa tiyya mara haxowii balleessi.

10 Ee Waaqa, gadhaa qulluu naa dadi;

ayyaana haareya hin jijjiiranne naa kenni.

11 Fuula keeti duraa na hin fageessin;

Ayyaana keeti Woyyichalle na irraa hin fudhatin.

12 Gammada fayyisiisa keeti irraa dhufu san,

adde'etti naaf deebisi;

akka si'iif ajajamu na qarqaar.

13 Achiin duuba ani

worra seera keeti yakku hin barsiisa;

cubbaaleyyiille gara keeti hin deebi'an.

14 Ee Waaqa, Waaqa fayyinna kiyyaa,

yakkaa dhiiga dhangalaasee jalaa na baasi;

arrabi kiyya marroo balchummaa teetii

gammadaan ilillisa.

15 Ee Gootta'a, afaan kiyya bani;

anille arraba kiyyaan si hin leellifadha.

16 Ati adoo ciincaa jaalattu teetee,

ani silaa si'iif hin dhikeessaayyu.

Ati kennansa gubamutti hin gammaddu.

17 Ciincaan Waaqaaf dhikaattu yaada gad jedhe;

ee Waaqa, ati yaada gad jedhee,

cubbuu irraa deebi'u hin tuffattu.

18 Fedhii teetiin Xiyooniif waan dansaa godhi;

dalleya dhaka'aa ka Yerusaalemii deebisii ijaari.

19 Achiin duuba ati ciincaa sirrii te'ee fi

kennansa gubamutti hin gammadda;

addee ciincaan itti ciinceffamu teeti irratti

dardarooti hin dhikeeffaman.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-