Publicidade

Salmos 67

Faaruu Leellisaa
Faaruu takka, ta meya ribu'uutiin faarfatante, sooressa faarfattootaatiif.

1 Waaqi nu mararuu ti; nulle eebbisuu ti;

fuula ifii akka nu irratti ifu godhuu ti.

2 Achiin duuba, karaan keeti lafa duudii irratti,

fayyisiis keeti

gosa biyya adda addaa mara oddu'utti hin beekkama.

3 Ee Waaqa, kolbaan si leellittuu ti;

kolbaan marti si leellittuu ti.

4 Ati haqaan kolbaa maratti waan murtuuf,

gosa biyya adda addaa waan sooressituuf,

gosi biyya adda addaa gammadaan ilillittuu ti.

5 Ee Waaqa, kolbaan si leellittuu ti;

kolbaan marti si leellittuu ti.

6 Latti midhaan baatteerti;

Waaqi, Waaqayyoon keenna nu hin eebbisa.

7 Waaqi nu hin eebbisa;

kolbaan lafa irraa marti isa hin sodaatti.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-