Publicidade

Salmos 118

Faaruu Injifanno'oo

1 Inni dansaa waan te'eef,

jaalala isaa ka bara baraatiif

Mootii Waan Maraa galateessa'a.

2 Kolbaan Israa'elii,

«Jaalalli isaa ka bara baraa ti» jettuu ti.

3 Sanyiin Aaronii,

«Jaalalli isaa ka bara baraa ti» jettuu ti.

4 Worri Mootii Waan Maraa sodaatu,

«Jaalalli isaa ka bara baraa ti» jedhuu ti.

5 Ani rakkinna kiyya keessatti

gara Mootii Waan Maraa iyye;

innille deebii naa kennee,

bilisa na baase.

6 Mootiin Waan Maraa

na woliin jira; ani hin sodaadhu;

nami maan na godhuu dande'a?

7 Mootiin Waan Maraa

na qarqaariisaaf na woliin jira;

ani jinnana diinota kiyyaa hin dhagga.

8 Namatti addatiisaa mannaa,

gara Mootii Waan Maraa baqatiisa woyya.

9 Qondaaltotatti addatiisaa mannaa,

gara Mootii Waan Maraa baqatiisa woyya.

10 Gosi biyya adda addaa marti na marsane;

ani ammoo maqaa Mootii Waan Maraatiin

isaan balleesse.

11 Isaan gara maraan na marsane;

ani ammoo maqaa Mootii Waan Maraatiin

isaan balleesse.

12 Isaan akka kinniisaa na marsane;

ammoo akka ibidda qore'ee dhaamane;

ani maqaa Mootii Waan Maraatiin

isaan balleesse.

13 Ani gara duubaa dhiibamee, jigiisa geye;

Mootiin Waan Maraa ammoo na qarqaare.

14 Mootiin Waan Maraa

jabeenna kiyyaa fi faaruu tiyya;

inni fayyinna kiyya te'eera.

15 Qoonqoon gammadaatii fi injifanno'oo,

dunkaanii worra balchootaa keessaa,

«Harki Mootii Waan Maraa middichi

hujii jadduu huje;

16 harki Mootii Waan Maraa middichi ol ka'e;

harki Mootii Waan Maraa middichi

hujii jadduu huje» jettu dhage'ante.

17 Ani hin le'a malee, hin du'u;

waan Mootiin Waan Maraa hujelle

hin odeessa.

18 Mootiin Waan Maraa

jabeessee na adabeera;

ammoo du'aaf dabarsee na hin kennine.

19 Akka ani ol seenee

Mootii Waan Maraa galateeffadhuuf,

balbala balchumma'aa naaf bana'a.

20 Tun balbala Mootii Waan Maraa ti;

karaa balchooleen seenanu.

21 Ati waan naa dhageetteef,

fayyinna kiyyalle waan naaf teeteef

si galatteeffadha.

22 Dhakaan worri mana ijaaru tuffate,

dhakaa dhakaa mara caalaa barbaadamu te'e;

23 Tun hujii Mootii Waan Maraa ti;

isiin ila teennalle'etti waan baasaa ti.

24 Guyyaan Mootiin Waan Maraa tolche kana;

itti gammannee firinxiindhuu ti.

25 Ee Mootii Waan Maraa nu baasi;

ee Mootii Waan Maraa nu milkeessi.

26 Maqaa Mootii Waan Maraatiin

ka dhufu ka eebbifame;

nuuti Galma Waaqaa keessaa isin eebbinna.

27 Mootiin Waan Maraa Waaqa;

inni ifa nu'uuf isseera.

Dameelee bisilee qabannee, jila bobbaanee,

haga gaafota addee ciinca'aa dhandhuu ti.

28 Ati Waaqa kiyya; ani si galateeffadha;

ati Waaqa kiyya; ani si saadadha.

29 Inni dansaa waan te'eef,

jaalala isaa ka bara baraatiif

Mootii Waan Maraa galateessa'a.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-