Pular para o conteúdo
Publicidade

Kitaaba Faaru'uu 52

Muraa Waaqaatii Fi Badhaadha Waaqaa

Sooressa faarfattootaatiif, wolaloo Daawitii ta yennaa nami biyya Edoomii Do’eeg gara Saa’olii dhufee, «Daawiti gara mana Ahiimelekii dhufeera» jedhee isatti hime faarfate.

1 Nama hunnaamessa!

Hantuu hujiisa keetiin maaf koorta?

Jaalalli bara baraa ka Waaqaa

haga bara baraa ti.

2 Ati ka soba baratte,

mala badi’ii dhootta;

arrabi keeti akka shiggire’ee ti.

3 Ati waan dansaa caalaa waan hantuu,

dhugaa dubbii caalaa dhara jaalatta.

4 Ati nama sobaalessa!

Dubbii nama miitu jaalatta.

5 Waaqi ammoo badii bara baraa sitti fidee,

mana keeti keessaa butee si baasee,

lafa worra jiraata’aa keessalle’ee si hin buqqisa.

6 Worri balchooleen

waan kana dhagganee, hin sodaatan;

achiin duuba sitti kollaa,

7 «Nama Waaqatti hin irkanne,

ammoo bacinna karra ifiititti ka addatu,

ka worra dhibii balleessiisatti jabaatu,

kunoo ilaala’a!» hin jedhan.

8 Ani ammoo mana Waaqaa keessatti,

akka muka ejersaa oshoba;

Jaalala Waaqaa ka bara baraatitti

bara baraan itti addadha.

9 Waaqa, marroo waan ati hujjeetiif,

ani bara baraan si leellifadha.

Worra si dhugeeffatu duratti,

maqaa keeti dansaa san addi’iin eegadha.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também