Pular para o conteúdo
Publicidade

Kitaaba Faaru'uu 122

Leellisa Yerusaalemii

Faaruu Daawitii, Ta Ittiin ol bayanu

1 «Gara mana Mootii Waan Maraa dhandha!»

yennaa isaan naan jedhane

ani gammade.

2 Ee Yerusaalem, miilli keenna,

karra teeti keessa dhaabbateera.

3 Yerusaalem qachaa wolitti hiiqee

jabeeffamee ijaarameeru.

4 Akkuma ajaja Israa’eliif kennameetitti,

achitti maqaa Mootii Waan Maraa leellisiisaaf,

gosi Mootii Waan Maraa ol bayan.

5 Achitti moototi sanyii Daawitii kolbaa bulchiisaaf,

barcumaa mootumma’aa dhaabbatane.

6 Nageya Yerusaalemiitiif daadimadha’a:

«Worri isii jaalatu milkowuu ti.

7 Dalleya isi’ii keessa nageenni,

mana mootumma’aa

ta isi’ii keessa sarmiis jiraatuu ti» jedha’a.

8 Ani sababa firootaa fi jaalota kiyyaatiif,

«Nageenni si keessa jiraatuu ti» hin jedha.

9 Sababa mana Mootii Waan Maraa

Waaqa keennaatiif,

ani waan dansaa si’iif hin halcha.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também