Publicidade

Salmos 5

Daadimata Diina Jalaa Bayiisaaf dhikaate
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta suusulle'een faarfatante.

1 Ee Mootii Waan Maraa, dubbii tiyya caqasi;

aadiisa kiyyalle dhage'i.

2 Mootii kiyya, Waaqa kiyya,

ani waan si daadimadhuuf,

iyya tiyya naa dhage'i.

3 Ee Mootii Waan Maraa,

ganama qoonqoo tiyya hin dhageetta;

ganama mara si daadimadhee

deebii si irraa eegadha.

4 Ati Waaqa hammeennatti gammaduu moti;

hammeennille si woliin hin le'u.

5 Koorameeyyiin si dura hin dhaabbattu;

worra hantuu huju mara hin jibbita.

6 Ati dharaameyyii mara hin balleessita;

worra nama ijjeesuu fi nama sobu hin jibbita.

7 Ani ammoo jaalala keeti ka bara baraatiin

gara mana keetii seena;

si sodaatiisalle'een

gara Dunkaanii Woyyittii teetii garagalee

hin sagada.

8 Ee Mootii Waan Maraa,

diinota bacaa waan qabuuf,

balchummaa teetiin na sooressi;

karaa keeti naaf qajeelchi.

9 Diinoti kiyya dhugaa hin dubbatanu;

gadhaan isaanii badi'iin guutameera.

Afaan isaanii akka boolla awwaalaa ta banantee ti;

arraba ifiitiin maltee dubbatan.

10 Ee Waaqa, yakkaa isaanii isaanitti muri;

malli isaaniituu badii isaanitti fiduu ti.

Isaan si irratti waan ka'aneef,

sababa cubbuu isaanii heddu'uutiif,

alatti isaan gati.

11 Worri gara keeti baqatu marti ammoo

gammaduu ti;

isaan haga bara baraa ilillisanuu ti.

Worri maqaa keeti jaalatu marti si'itti

gammadee akka firinxiixu isaan eegi.

12 Ee Mootii Waan Maraa,

ati balchoota hin eebbitta;

fedhii teeti dansa'aan

akka wonte'ee isaan marsi.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-