Publicidade

Salmos 127

Leellisa Arjummaa Waaqaatiif Dhikaate
Faaruu Solomoonii, Ta Ittiin Ol Bayanu

1 Mootiin Waan Maraa

mana yoo hin ijaarin,

worri mana ijaaru

akkasumaan itti elowan;

Mootiin Waan Maraa

qachaa yoo hin eegin,

eeddoti qacha'aa akkasumaan elowan.

2 Mootiin Waan Maraa

worra jaalatuuf foora waan kennuuf,

bari'iin ka'iis,

turanee rafiis,

bu'aa hin qabu.

3 Ijoolleen kennansa Mootii Waan Maraa ti;

midhaan gadaamessaa,

eebba isaa ti.

4 Ilmaan dargaggumma'aan uumatanu,

akka daaya harka loltootaa keessa jirtuu ti.

5 Nami ilmaan akka daayaa mana guutate

gammaduu ti;

diinota ifii woliin

karra qacha'aa keessatti yennaa wol falme,

inni hin qaanowu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-