Publicidade

Salmos 45

Faaruu Fuudha Mootichaa
Wolaloo ilmaan Qoraahii, sooressa faarfattootaatiif, faaruu ta akka yoyyoma faaruu, «Daraaraa» jedhantee beekkantutti faarfatante.

1 Dubbiin dansaan gadhaa kiyya guuttee dhangalaati;

wolaloo tiyya mootichaaf hin dhageessisa;

arrabi kiyya akka feenii nama woy barreessiisaan beekkamee ti.

2 Ati ilmaan namaa mara caalaa miidhaga'a;

dubbiin teeti arnya qaddi;

tanaaf Waaqi haga bara baraa si eebbiseera.

3 Ee mooticha janna,

ka ulfinnaa fi arnya qaddu,

shallaagaa keeti hidhadhu.

4 Marroo dhuga'aa, marroo gadhi-laafumma'aa fi

balchumma'aatiif,

arnya keetiin injifatiisaaf ka'i;

harki keeti middichi

injifachaa gugurdoo dhaggisiisuu ti.

5 Daayi keetii ka qarame,

gadhaa diina keetii hin woraana;

gosi biyya adda addaa miila keeti jalatti hin jigan.

6 Ee Waaqa barcumaan mootumma'aa keeti,

ka bara baraa ti;

uleen bokku'uu teetille ulee bokku'uu ta haqaa ti.

7 Ati balchummaa jaalattee,

hammeenna jibbite;

tanaaf Waaqi, Waaqi keeti zayitii gammadaa si muudee,

hari'aa teeti akka caaltu si godhe.

8 Woyaan fiqiree qumbii, hargiisaa fi

dakkara irraa hujanteen fiqqitti.

Mana mootumma'aa ka ilka arbaatiin seefame keessaa

qoonqoon kiraara guddichaatii fi

maseenqo'oo si gammachiitti.

9 Dubartoota mana mootumma'aa keessa jiranu odduu,

ijoolleen durraa ta moototaa jiran;

giittittiin worqii biyya Ofiirii naqattelle

gara harka keeti middaatiin dhaabbatti.

10 Ee intala dhage'i!

Waan ani jedhu caqasi;

kolbaa teetii fi mana abbaa keetii dedhi.

11 Mootichi miidhaginna keetiif si halcha;

inni goottaa keeti waan te'eef, isa ulfeessi.

12 Kolbaan Xiiroosii kennansa sii fidan;

worri dureeyyiin si'itti dhikaatiisaaf barbaadan.

13 Intalti mootichi fuudhaaru

woyaa worqi'iin kuulante uffattee,

kolloo ifii keessa jirti.

14 Woyaa kuula hedduu qaddu san uffattee,

gara mootichaa geeffanti;

durri bookarsitooti isi'ii

isii gula gara mootichaa hin dhaqan.

15 Isaan ililleetti'ii fi gammadaan

isii gula mana mootichaa hin seenan.

16 Ilmaan teeti addee abbootii teetii hin bu'an;

ati lafa duudii akka bulchanu hin goota.

17 Ani dhaloota mara keessatti

gurra keeti hin mudhisa;

tanaaf gosi biyya adda addaa

bara baraa haga bara baraa si leellitti.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-