Publicidade

Salmos 83

Diinoti Israa'elii Akka Injifatamanuuf Daadimata Dhikaate
Faaruu Asaafii.

1 Ee Waaqa, hin cadhisin;

hin sarmin yookiin cadhittee hin ilaalin.

2 Amumaayyuu diinoti keeti

finqila kaasaneeran;

worri si jibbu mataa ifii togeera.

3 Isaan kolbaa teeti irratti mala dhowani;

worra ati jaalattu irratti mari'atan.

4 Isaan, «Maqaan gosa biyya Israa'elii,

deebi'ee akka hin qaabatanne,

akka isaan kolbaa hin teene,

kowaa, isaan balleessinaa» jedhan.

5 Yaada tokkoon wolii galanee

si irratti mala dhowane;

si irratti ka'iisaaf wol gondooratane;

6 Isaan kun kolbaa Edoomii, kolbaa Ishimaa'elii,

kolbaa Mo'aabiitii fi Aggaarii,

7 kolbaa Gebaaliitii fi Amoonii, Amaaleqoota,

worra Filisxeemotaatii fi Xiiroosii ti.

8 Worri Asooriille isaanitti ede'amanee

sanyii Looxii gargaarane.

9 Worra Miidiyaanii akkuma goote,

laga Qiisoniititti

Siisaara'aa fi Yaabiin akkuma goote,

isaan kanalle akkasuma godhi.

10 Worri sun Endooritti ijjeefamanee,

shamanee lafaaf kosii te'ane.

11 Qondaaltota isaanii

akkuma Oreebiitii fi Ze'eebii,

sooressitoota isaaniille

akkuma Zeeba'aa fi Xaalmuna'aa godhi.

12 Isaan, «Lafa kaloo kolbaa Waaqaa

fudhannee teenna godhanna» worra jedhe.

13 Ee Waaqa kiyya

akka bukuu hobonbolattiin garagaggalchituu,

akka huura qilleensi fuudhee deemuu isaan godhi.

14 Akkuma ibiddi gongomaa muxuqi godhu,

akkuma bobeenni gaara gubu,

15 ati bubbee teetiin isaan ari'i;

hobonbolattii teetiin isaan bararassi.

16 Ee Mootii Waan Maraa,

akka isaan maqaa keeti barbaadanu,

isaan fokkisiisi.

17 Haga bara baraa isaan qaanessiitii naasisi;

isaan salphinnaan badanuu ti.

18 Isaan maqaan keeti Mootii Waan Maraa akka te'e,

ati callaan lafa duudii irratti

Waaqa Ol Aanaa akka teete beekanuu ti.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-