Pular para o conteúdo
Publicidade

Kitaaba Faaru'uu 57

Daadimata Qarqaarsa Waaqaa Dhaggatiisaaf Dhikaate

Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii, ta akka yoyyoma faaruu, «Hin balleessin» jedhantee beekkantutti, yennaa inni Saa’ol duraa baqatee goda keessa jiru faarfatante.

1 Lubbuun tiyya waan sitti baqattuuf,

na marari, ee Waaqa, na marari.

Haga rakkoon dabartutti

ani koola keeti jalatti baqadha.

2 Ani gara Waaqa Ol-Aanaaa,

gara Waaqa waan naaf barbaachisu

mara naa muummessuu hin iyya.

3 Inni ol-gubbaa irraa ergee na baasa;

inni worra na irra sirbu hin salphisa.

Waaqi jaalala ifii ka bara baraatii fi

addatamummaa ifii hin erga.

4 Ani worra akka neenqa nama nyaatiisaaf

ila babaasuu odduu irkadhe.

Ilkaan isaanii akka ebo’ootii fi daayaa ti;

arrabi isaanii akka shallaagaa qaramee ti.

5 Ee Waaqa, ol-gubbaaan gubba’atti saadami;

ulfinni keeti lafa duudii irratti te’uu ti.

6 Diinoti kiyya miila kiyyaaf fonxoroo afane;

lubbuun tiyya gaddaan gad jette.

Isaan karaa kiyya keessatti boolla qotane;

ammoo ifumaaf keessa bu’ane.

7 Ee Waaqa, gadhaan kiyya hin mamu!

Gadhaan kiyya hin mamu.

Ani hin faarfadha;

meya faaru’uu ka adda addaatiin hin faarfadha.

8 Lubbuu tiyya dammaqi;

ee kiraaraa guddicha,

ee maseenqo’o dammaqa’a;

anille boruu hin dayyaasa.

9 Ee Gootta’a,

ani gosa biyya adda addaa oddu’utti

si galateeffadha.

Ani gosa biyya adda addaa oddu’utti

faaru’uun si leellisa.

10 Jaalalli keeti ka bara baraa guddaa waan te’eef,

akka ol-gubbaaa ol fagaata;

addatamummaan teeti duumensa dhaqqaddi.

11 Ee Waaqa, ol-gubbaaan gubba’atti saadami;

ulfinni keeti lafa duudii irratti te’uu ti.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também