Publicidade

Salmos 47

Waaqi Biyya Lafaa Irratti Mooti'i
Faaruu ilmaan Qoraahii, sooressa faarfattootaatiif.

1 Gosi biyya adda addaa marti,

harka keessan dhowa'a;

qoonqoo ol qabadha'aatii,

Waaqaaf ilillisa'a.

2 Mootiin Waan Maraa Ol Aanaan ka sodaatame;

inni lafa duudii irratti mootii gudda'a.

3 Inni kolbaa hedduu nu'uun jala godhe;

gosa biyya adda addaa miila keenna jala galche.

4 Sanyii Yaaqoobii ta inni jaalatuuf koora ta teete,

lafa nuuti dhaallu inni nu'uuf file;

5 Mootiin Waan Maraa Waaqi ililleetti'ii fi

qoonqoo tultulla'aatiin ol bayeera.

6 Waaqa faaru'uun leellisa'a; leellisa'a;

Mootii keenna faaru'uun leellisa'a; leellisa'a.

7 Waaqi mootii lafa duudi'ii waan te'eef,

faaru'uun isa leellisa'a.

8 Waaqi gosa biyya adda addaa irratti mooti'i;

Waaqi barcumaa mootumma'aa

ka ifii woyyicha irra tee'eera.

9 Qondaaltoti gosa biyya adda addaa

kolbaa Waaqa Abrahaamii woliin

wolitti qabamaneeran;

loltooti lafaa marti ka Waaqaa waan te'aneef,

inni guddoo saadameera.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-