Publicidade

Salmos 30

Daadimata Galataa
Faaruu Daawitii ta eebba manaatiif Faarfante.

1 Ee Mootii Waan Maraa, ati qilee keessaa na baattee,

diinoti kiyya na irratti akka hin gammanne waan gooteef,

ani guddisee si galateeffadha.

2 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya,

akka na qarqaartuuf gara keetti iyyee,

atille na fayyitteerta.

3 Ee Mootii Waan Maraa,

ati lubbuu tiyya boolla awwaalaa keessaa baatteerta;

akka ani boollatti gad hin buune na hamburteerta.

4 Isin worri isaaf addatantane,

Mootii Waan Maraa faaru'uun leellisa'a;

maqaa isaa woyyichalle,

galateessa'a.

5 Aariin isaa yennaa diqqoo qofa;

tolli isaa ammoo bara jiru'uu mara.

Halkan bowaa yoo bulane,

ganama ammoo ililleessi hin te'a.

6 Yennaa natti tole, ani ifiin,

«Ani ijjumaa hin raafamu» jedhe.

7 Ee Mootii Waan Maraa,

arnya keetiin,

akka gaara jabaa tokkoo na goote;

yennaa fuula keeti na duraa dhossite ammoo

guddoo sodaadhe.

8 Ee Mootii Waan Maraa,

ani si waammadhee,

akka na marartuuf si gaafadhee,

9 «Du'a tiyya irraa maan dhaggatta?

Ani yoo boollatti gad bu'e bu'aan maan?

Worri du'eeru si hin leellisaa?

Isaan addatamummaa teeti hin himanii?

10 Mootii Waan Maraa,

naa dhage'i; naa marari;

Mootii Waan Maraa,

na qarqaar» jedhe.

11 Ati gadda kiyya gara sirbaatitti jijjiirte;

woyaa gaddaa na irraa fuutee,

gammada natti uffitte.

12 Yoona, ani hin cadhisu;

faaru'uun si leellisa.

Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya,

ani haga bara baraa si galateessa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-