Publicidade

Salmos 113

Waaqa Qarqaaraa Worra Hiyyeeyyi'ii

1 Mootii Waan Maraa leellisa'a;

ee tajaajiltoota Mootii Waan Maraa,

Mootii Waan Maraa leellisa'a;

maqaa Mootii Waan Maraa leellisa'a.

2 Ammaa jalqabee haga bara baraa,

maqaan Mootii Waan Maraa leellifamuu ti.

3 Baya adu'uutii jalqabee haga seensa adu'uutitti,

maqaan Mootii Waan Maraa leellifamuu ti.

4 Mootiin Waan Maraa

gosa biyya adda addaa mara irratti ol aanana'a;

ulfinni isaa ol-gubbaa caala.

5 Ka akka Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa,

Ka barcumaa mootummaa gubba'aa irra tee'u,

6 ka ol-gubba'aa fi lafa gad ilaalu eennu?

7 Inni hiyyeeyyii bukuu keessaa kaasa;

worra rakkataalle

tuulaa daadha'aa keessaa ol fuudha.

8 Inni qondaaltota woliin,

qondaaltota kolbaa ifii woliin isaan teessisa.

9 Maseentittiin haadha ijoolle'ee teetee,

gammadaan mana ifii keessa akka leetu hin godha;

Mootii Waan Maraa leellisa'a.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-