Publicidade

Salmos 87

Leellisa Yerusaalemiif Dhikaate
Faaruu ilmaan Qoraahii.

1 Mootiin Waan Maraa hundee qachaa ifii

gaarota woyyoota irratti dhaabe;

2 Addee Yaaqoob le'u mara caalaa,

Mootiin Waan Maraa

seensuma karra Xiyoonii jaalata;

3 Ee qachaa Waaqaa,

wonni maade'ee marroo teetiif dubbatanti;

4 Waaqi, «Ani worra na beeku oddu'utti

Gibxi'ii fi Baabilon hin galmeessa;

worri Filisxeemotaa, worri Xiiroosiitii fi Itoophiya'aalle

worra achitti dhalate» jedha.

5 Marroo Xiyoonii, «Dhugumaan, Waaqi Ol Aanaan

waan isii jabeessuuf,

kolbaan tunii fi sunille,

as isii keessatti dhalatte» hin jedhama.

6 Mootiin Waan Maraa

yennaa gosa biyya adda addaa galmeessu,

«Worri kun achitti dhalatane» jedhee hin barreessa.

7 Worri faarsuu fi worri sirbu,

«Maddi keenna martinuu

Xiyoon keessa jira» hin jedhan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-