Pular para o conteúdo
Publicidade

Kitaaba Faaru'uu 70

Diinota jalaa Bayiisaaf Daadimata Dhikaate

Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta akka Waaqi isa qaabatuuf faarfatante.

1 Ee Waaqa na baasi;

Mootii Waan Maraa kiyya na qarqaariisaaf ariifadhu.

2 Worri na ijjeesiisaaf barbaadu,

fokkifatee jaanjuruu ti;

worri na miidhiisaaf halchu,

salphatee gara duubaa deebi’uu ti.

3 Worri, «Baga, baga!» naan jedhu,

fokkifatee gara duubaa deebi’uu ti.

4 Worri si barbaadu marti ammoo,

si’iin gammadee firinxiixuu ti.

Worri fayyisiisa keeti jaalatu marti,

yennaa mara, «Waaqi gudda’a» jedhuu ti.

5 Ani rakkataa hiyyeessa;

Ee Waaqa, ariifadhuu gara kiyya koy;

Ee Mootii Waan Maraa kiyya

ati qarqaara’aa fi fayyisaa kiyya

na irraa hin turin.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também