Publicidade

Salmos 65

Leellisaa Fi Galata
Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.

1 Ee Waaqa, Xiyoon keessatti

si leellisuu,

waadaa si'iif gallelle muummessuu qanna.

2 Ee ka daadimata namaa dhageettu,

nami marti gara keeti hin dhufa.

3 Cubbuun nu moote;

ati ammoo yakkaa teenna nuu araarante.

4 Worri ati filattee

badhinna mana keetii keessa akka le'anu

ka ifitti dhikeeffatte ka eebbifame.

Nuuti waan dansaa mana keetii,

ta Dunkaanii Woyyittii teetiitiin hin quunna.

5 Ee Waaqa fayyisaa keenna,

hujii maade'ee

ta balchumma'aatiin deebii nuuf kennita.

Worri qaccee lafaa

abbaaya'aan gama fagoo jiru martille

addii sitti godhata.

6 Ati hunna teeti uffattee,

jabeenna keetiin gaarota dadde.

7 Ati Shookkessa abbaaya'aatii fi danbalii isi'ii,

caanca gosa biyya adda addaalle cadhi goota.

8 Bilbaasa ati gooteen,

worri biyya lafaa irra le'u duudiin,

hin sodaata;

addee aduun baatu irraa

haga addee aduun seentuutitti,

ililleettiin akka dhage'antu hin goota.

9 Ati lafa ilaaltee, rooba kennitaaf;

guddoo laattuu isii goota.

Lagi Waaqaa, bisaaniin guuteera;

akkas gootee waan qopheessiteef,

kolbaan midhaan dhaggatti.

10 Fichaa qotame irratti

bokkeya bacaa roobisiitta;

quqquuqaa isaalle hin bulleessita;

biyyee tiifu'uun laafficha;

mudheen lattee akka guddattu goota.

11 Arjummaa teetiin bara eebbitta!

Gara ati dhaxxe mara

midhaan baca'atti jiraata.

12 Goomoleen marti bisiltee,

koobotille gammada akka woya'aa uffatan.

13 Diidi tika hoolotaatiin,

dhooqille midhaaniin guutaman;

isaan ilillisaa faaruu faarfatan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-