Pular para o conteúdo
Publicidade

Adoração

Por Bíblia Online

A adoração é a resposta do coração humano à majestade de Deus. Deus é Espírito e importa que os que o adoram o adorem em espírito e em verdade — com todo o ser.

Adorar em espírito

Deus é Espírito e importa que os adoradores o adorem em espírito e em verdade. A adoração verdadeira brota do coração.

Waaqni hafuura; warri isa waaqeffatanis Hafuuraa fi dhugaadhaan waaqeffachuu qabu."

Warri dhugaan waaqeffatan yeroon isaan itti hafuuraa fi dhugaadhaan Abbaa waaqeffatan tokko ni dhufa; amma iyyuu dhufeera; Abbaan warra akkasitti isa waaqeffatan barbaada. Waaqni hafuura; warri isa waaqeffatanis Hafuuraa fi dhugaadhaan waaqeffachuu qabu."

Yesuusis akkana jedheen; "Dubartii nana, na amani; yeroon isin itti tulluu kana irrattis taʼu yookaan Yerusaalemitti Abbaa hin waaqeffanne tokko ni dhufa. Isin waan hin beekne waaqeffattu; nu sababii fayyinni Yihuudoota keessaa dhufuuf kan beeknu waaqeffanna. Warri dhugaan waaqeffatan yeroon isaan itti hafuuraa fi dhugaadhaan Abbaa waaqeffatan tokko ni dhufa; amma iyyuu dhufeera; Abbaan warra akkasitti isa waaqeffatan barbaada.

Namichi sunis, "Yaa Gooftaa, ani nan amana" jedhe; ni sagadeefis.

Yesuusis, "Seexana nana, narraa fagaadhu! Waaqa kee Gooftichaaf sagadi; isuma qofa tajaajili jedhamee barreeffameeraatii" jedheen.

Yesuus immoo, " Waaqa kee Gooftichaaf sagadi, isuma qofa tajaajili jedhamee barreeffameera" jedhee deebiseef.

Aarsaa Jiraataa

Kanaafuu yaa obboloota, akka isin dhagna keessan aarsaa jiraataa, qulqullaaʼaa fi kan Waaqa gammachiisu gootanii dhiʼeessitaniif ani gara laafina Waaqaatiin isin kadhadha; kunis waaqeffannaa keessan kan hafuuraa ti.

Aarsaa Jiraataa

Kanaafuu yaa obboloota, akka isin dhagna keessan aarsaa jiraataa, qulqullaaʼaa fi kan Waaqa gammachiisu gootanii dhiʼeessitaniif ani gara laafina Waaqaatiin isin kadhadha; kunis waaqeffannaa keessan kan hafuuraa ti. Fedhiin Waaqaa gaariin, gammachiisaanii fi kan mudaa hin qabne maal akka taʼe qorattanii akka mirkaneessuu dandeessaniif haaromfamuu qalbii keessaniitiin geeddaramaa malee addunyaa kana hin fakkaatinaa.

Wanti hundinuu isa irraa dhufe; isumaan dhufe; isaaf dhufe.

Bara baraan ulfinni isaaf haa taʼu! Ameen.

Kunis:

" Ani jiraataadhaatii;

jilbi hundi anaaf ni jilbeenfata;

arrabni hundi Waaqaaf dhugaa baʼajedha Gooftaan"

jedhamee barreeffameeraatii.

Louvor e reverência

Vinde, adoremos e prostremo-nos. Louvai ao Senhor! Todo ser que respira louve o nome glorioso do Senhor.

Kottaa gad jennee sagadnaa;

Uumaa keenya Waaqayyo duratti ni jilbeenfannaa;

Kottaa gad jennee sagadnaa;

Uumaa keenya Waaqayyo duratti ni jilbeenfannaa;

Haalleluuyaa.

Mana qulqullummaa isaa keessatti Waaqa galateeffadhaa;

samiiwwan isaa humna qabeeyyii keessattis isa galateeffadhaa.

Hojiiwwan isaa jajjaboo sanaaf isa leellisaa;

guddina isaa hamma hin qabne sanaaf isa leellisaa.

Malakata afuufuudhaan isa galateeffadhaa;

baganaa fi kiraaraan isa galateeffadhaa;

dibbeedhaan shuubbisaatii isa jajadhaa;

miʼa ribuutii fi ululleedhaan isa jajadhaa.

Kilillee sagalee qabuun isa jajadhaa;

kilillee sagalee guddaatiin isa jajadhaa.

Wanni hafuura baafatu hundinuu Waaqayyoon haa jajatu.

Haalleluuyaa.

Wanni hafuura baafatu hundinuu Waaqayyoon haa jajatu.

Haalleluuyaa.

Galateeffachuudhaan karrawwan isaa,

jajachuudhaanis oobdii isaa seenaa;

isa galateeffadhaa; maqaa isaa illee eebbisaa.

Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa;

iddoo qulqullummaa isaatti Waaqayyoon waaqeffadhaa.

Isin lafti hundinuu ililleedhaan gara Waaqaatti iyyaa!

Ulfina maqaa isaa faarfadhaa;

galata isaatiifis ulfina kennaa!

Waaqaan akkana jedhaa;

"Hojiin kee akkam sodaachisaa dha!

Sababii humni kee guddaa taʼeef,

diinonni kee fuula kee duratti hollatu.

Lafti hundinuu siif sagadu;

faarfannaa galataa siif faarfatu;

maqaa keetiifis faarfatu."

Ani afaan kootiin isatti nan iyye;

galanni isaas arraba koo irra ture.

Yaa Gooftaa, saboonni ati uumte hundinuu dhufanii,

fuula kee duratti ni sagadu;

maqaa keetiifis ulfina fidu.

Ati guddaa fi kan hojii dinqisiisaa hojjettuu dha;

Waaqni suma qofa.

Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon eebbisi;

keessi namummaa koo hundi maqaa isaa qulqulluu sana eebbisaa.

Waaqayyoof galata galchaa; maqaa isaas waammadhaa;

waan inni hojjetes saboota gidduutti beeksisaa.

Yaa Waaqi, ati Waaqa koo ti;

ani dhugumaan sin barbaadadha;

lafa gogaa fi gammoojjii,

lafa bishaan hin jirretti,

lubbuun koo si dheebotti;

foon koos sitti gaggaba.

Waan jaalalli kee jireenya caaluuf,

hidhiin koo si jajatti.

Ani hamman jirutti sin eebbisa;

maqaa keetiinis harka koo ol nan qabadha.

Declarações de adoração

Tu és digno, Senhor, de receber glória e honra! Ao Senhor pertence a grandeza, o poder, a glória e a majestade.

"Yaa Gooftaa fi Waaqa keenya,

ati waan hunda waan uumteef,

isaan fedhii keetiin waan uumamaniif,

waan jiraataniifis, ulfina, kabajaa fi

humna fudhachuun siif ni mala."

Innis sagalee guddaadhaan akkana jedhe; "Saʼaatiin murtii isaa waan dhiʼaateef Waaqa sodaadhaa; ulfinas isaaf kennaa. Isa samii fi lafa, galaanaa fi burqaawwan bishaanii uume sanaaf sagadaa."

Yaa Gooftaa, namni si hin sodaanne,

kan maqaa kees hin ulfeessine eenyu?

Si qofatu qulqulluudhaatii.

Hojiin qajeelummaa keetii waan mulʼifameef,

saboonni hundinuu ni dhufu;

fuula kee durattis ni sagadu."

Kan wantoota kanneen dhagaʼee fi arge ana Yohannis. Anis yommuu wantoota kanneen dhagaʼee argetti ergamaa wantoota kanneen natti argisiisaa ture sanaaf sagaduudhaaf miilla isaa irrattin kufe. Inni garuu, "Kana hin godhin! Anis garbicha siʼii fi obboloota kee raajota wajjin, akkasumas warra dubbii kitaaba kanaa eegan wajjin tajaajiluu dha. Waaqaaf sagadi!" naan jedhe.

Yaa Waaqayyo sababii wanni samii fi

lafa irra jiru hundi kan kee taʼeef guddinnii fi humni,

ulfinni, surraa fi simboon kan kee ti.

Yaa Waaqayyo mootummaan kan kee ti;

ati waan hunda irratti mataa ol ol jettee dha.

Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii;

jaalalli isaa bara baraan jiraata.

Akkana jedhaatii iyyaa; "Yaa Waaqayyo,

Fayyisaa keenya, ati nu baasi;

akka nu maqaa kee qulqulluu sana galateeffannuuf,

akka galata keetiin of jajnuufis, walitti nu qabiitii saboota ormaa jalaa nu oolchi."

Waaqayyo Waaqa Israaʼeliitiif

bara baraa hamma bara baraatti galanni haa gaʼu.

Kana irratti namni hundinuu, "Ameen; Waaqayyo haa galatoomu" jedhe.

Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii;

jaalalli isaa bara baraan jiraata.

Isaaf faarfadhaa; faarfannaadhaan isa galateeffadhaa;

waaʼee hojii isaa isa dinqisiisaa hundaas odeessaa.

Kanaafuu Waaqni akka malee ol isa qabe;

maqaa maqaa hunda caalus isaaf kenne.

Kunis akka jilbi hundinuu samii fi lafa irratti,

lafa jalattis, maqaa Yesuusiif jilbeenfatuuf.

Akka arrabni hundinuus ulfina Waaqa Abbaatiif jedhee

Yesuus Kiristoos Gooftaa taʼuu isaa dhugaa baʼuuf.

Sacrifício de louvor

Por meio de Jesus ofereçamos sempre sacrifício de louvor. Cantai ao Senhor, celebrai em salmos — enchei-vos do Espírito.

Kanaafuu kottaa utuu gargar hin kutin karaa Yesuusiitiin aarsaa galataa Waaqaaf haa dhiʼeessinu; aarsaan kunis dubbii maqaa isaa beeksisuuf afaan keenya keessaa baʼuu dha.

Kanaafuu nu waan mootummaa hin sochoone argannuuf kottaa haa galateeffannu! Kabajaa fi sodaadhaanis karaa fudhatamaa taʼeen Waaqa haa waaqeffannu; Waaqni keenya ibidda gubee balleessuudhaatii.

faarfannaadhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin wal jalaa qabaa. Garaa keessan keessatti Gooftaaf faarfadhaatii muuziiqaa dhageessisaa;

Dubbiin Kiristoos baayʼinaan isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundaan wal barsiisaa; wal gorsaas; faarfannaadhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin garaa keessan keessatti Waaqa galateeffadhaa.

Gara halkan walakkaatti Phaawulosii fi Siilaas kadhachaa, faarfannaadhaanis Waaqa galateeffachaa turan; hidhamtoonni kaanis isaan dhaggeeffachaa turan.

Waaqa Nama Jajjabeessuuf Galata Galchuu

Waaqnii fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos, Abbaan araaraatii fi Waaqni jajjabina hundaa haa eebbifamu; inni akka nu jajjabina Waaqa biraa arganne sanaan warra dhiphina adda addaa keessa jiran jajjabeessuu dandeenyuuf dhiphina keenya hunda keessatti nu jajjabeessa.

Akka isinis nu wajjin tokkummaa qabaattaniif waan arginee fi waan dhageenye isinitti labsina. Tokkummaan keenyas Abbaa fi Ilma isaa Yesuus Kiristoos wajjin.

Adoração como vida

Exaltai ao Senhor, prostrai-vos ante o escabelo dos seus pés. A adoração genuína transforma o adorador e agrada o Criador.

Waaqayyo Waaqa keenya leellisaa;

ejjeta miilla isaa jalatti sagadaa;

inni qulqulluu dha.

Afaan koo guyyaa guutuu,

galataa fi ulfina keetiin guutama.

Waaqaaf faarfadhaa;

faarfannaa galataa maqaa isaatiif faarfadhaa;

isa duumessaan gulufu sana jajadhaa;

maqaan isaa Waaqayyoo dha;

fuula isaa durattis baayʼee gammadaa.

Waaqni warra abbaa hin qabneef abbaa,

niitota dhirsoonni irraa duʼaniifis falmaa taʼe sun

iddoo jireenya isaa qulqulluu keessa jira.

Qajeelummaa isaatiif Waaqayyoon nan galateeffadha;

maqaa Waaqayyoo Waaqa Waan Hundaa Oliis faarfannaadhaan nan jajadha.

Maqaa kee obboloota kootti nan labsa;

waldaa keessattis sin jajadha.

Isin warri Waaqayyoon sodaattan isa jajadhaa!

Isin sanyiin Yaaqoob hundinuu isa ulfeessaa!

Sanyiin Israaʼel hundinuus isa sodaadhaa!

Harka koo gara keetti nan diriirfadha;

lubbuun koos akkuma lafa gogaa si dheebotti.

Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita?

Na keessattis maaliif raafamta?

Abdii kee Waaqa irra kaaʼadhu;

ani amma iyyuu isa nan galateeffadha;

Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha.

Anis Waaqayyoon, "Ati Gooftaa koo ti;

ani si malee gaarummaa hin qabu" nan jedha.

Sodaadhaan Waaqayyoon tajaajilaa;

hollachaas gammadaa.

Ani sittin gammada; nan ililchas;

yaa Waaqa Waan Hundaa Olii, faarfannaadhaan maqaa kee nan jajadha.

Falsa adoração

Não terás outros deuses diante de mim. Não adorarás ídolos. A adoração exclusiva ao Senhor é mandamento inegociável.

Isaaniif hin sagadin yookaan isaan hin waaqeffatin; ani Waaqayyo Waaqni kee Waaqa hinaafu kan sababii cubbuu abbootiitiif jedhee ijoollee warra na jibbanii hamma dhaloota sadii fi afuriitti adabee

Sababii Waaqayyo maqaan isaa Hinaafaa jedhamu sun Waaqa hinaafu taʼeef ati Waaqa biraa hin waaqeffatin.

Yeroo Museen dunkaana sana seenutti utubaan duumessaa gad buʼee balbala dunkaanichaa dura dhaabata ture; Waaqayyos Musee wajjin dubbata ture. Sabni yeroo utubaa duumessaa kan balbala dunkaanaa dura dhaabatu argutti hundi isaa ol kaʼee tokkoon tokkoon namaa dunkaana ofii isaa duratti sagada ture.

"Waaqayyo jabina kootii fi faarfannaa koo ti;

inni fayyina koo taʼeera.

Inni Waaqa koo ti; anis isa nan jajadha;

inni Waaqa abbaa kootii ti; anis isa ol ol nan qaba.

Yaa Waaqayyo,

waaqota keessaa eenyutu si fakkaata?

Qulqullinaan simboo qabeessi,

ulfinaan sodaachisaan,

hojii dinqii hojjechuuttis

kan akka keetii eenyu?

Waaqayyo Waaqa kee waaqeffadhu; innis midhaan keetii fi bishaan kee ni eebbisa. Dhukkubas isin gidduudhaa nan balleessa;

Inni ulfina kee ti; inni Waaqa kee kan dinqiiwwan gurguddaa fi sodaachisaa ati ija keetiin argite sana siif hojjetee dha.

Achittis atii fi warri mana kee jiraatan fuula Waaqayyo Waaqa keessanii duratti ni nyaattu; sababii Waaqayyo Waaqni keessan hojii harka keessanii hundaan isin eebbiseefis ni gammaddu.

Isaan waaqota ormaatiin isa hinaafsisan;

waaqota jibbisiisoo isaaniitiinis isa dheekkamsiisan.

Isaan hafuurota hamoo Waaqa hin taʼiniif,

waaqota hin beekiniif,

waaqota reefuu dhufaniif,

waaqota abbootiin keessan hin sodaatiiniif aarsaa dhiʼeessan.

Ati Kattaa si dhalche gante;

Waaqa si uume irraanfatte.

Of eeggadhaa! Yoo kanaa achii isin akka garagaltanii waaqota biraa waaqeffattanii fi isaaniifis sagaddan gowwoomfamtu.

Gooftaan akkana jedha:

"Uummanni kun afaan isaatiin natti dhiʼaata;

hidhii isaatiinis na kabaja;

garaan isaa garuu narraa fagoo jira.

Waaqeffannaan isaan na waaqeffatanis

seera namni barsiisu qofaan tolfame.

Waaqayyoof Galata Galchuu

Yaa Waaqayyo, ati Waaqa koo ti;

waan ati amanamummaa kee kan mudaa hin qabneen

wantoota dinqisiisoo

bara dheeraan dura karoorfame hojjetteef,

ani ulfina siif nan kenna; maqaa kees nan leellisa.

Waaqni garuu isaan irraa garagalee akka isaan humnoota samii irraa waaqeffataniif isaan dhiise. Kunis waan kitaaba raajotaa keessatti barreeffame sanaan wal fakkaata; innis akkana jedha;

" Yaa mana Israaʼel isin waggaa afurtama gammoojjii keessatti

takkumaa aarsaa fi kennaa naaf fiddaniirtuu?

Isin fakkii waaqota waaqeffachuuf

tolfattanii jechuunis dunkaana Moolekiitii fi

urjii waaqa keessan Reefaan ol qabdaniirtu.

Kanaafuu ani biyya Baabiloniin gamaattin isin ariʼa.

Namni sobee gad of qabuu fi ergamoota waaqeffachuu jaallatu kam iyyuu badhaasa isin hin dhabsiisin. Namni akkasii waan arge hunda baayʼisee odeessa; sababii malee yaada foon isaatiin of tuula. Innis mataa isa dhagni guutuun ittiin soorame, hiddaa fi ribuu isaatiinis walitti hidhamee guddina Waaqni kennuufiin guddatu sana irraa citeera.

Namni tokko iyyuu karaa kamiin iyyuu isin hin gowwoomsin; utuu fincilli dursee hin dhufin, namni cubbuu, ilmi badiisaa sun utuu hin mulʼatin guyyaan sun hin dhufuutii. Innis waan Waaqa jedhamu yookaan waan waaqeffatamu hundumaan mormee isaan irratti ol ol of qaba; "Ani Waaqa" ofiin jechuudhaanis mana qulqullummaa Waaqaa keessa taaʼa.

Exemplos de adoração

Jó adorou em meio ao sofrimento. Esdras adorou na restauração. Paulo e Silas adoraram na prisão — e Deus respondeu.

Kana irratti Iyyoob uffata isaa tarsaasee mataa isaa haaddate. Lafatti gombifamee sagadee akkana jedhe:

"Ani qullaa koon gadameessa haadha kootiitii baʼe;

qullaa koos nan deema.

Waaqayyotu kenne; Waaqayyotu fudhate;

maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu."

Isaanis,

"Inni gaarii dha;

jaalalli inni Israaʼeliif qabu bara baraan jiraata"

jedhanii leellisuu fi galateeffachuudhaan Waaqayyoon faarfatan. Sabni hundinuu sababii hundeen mana qulqullummaa Waaqayyoo buufameef iyyee sagalee guddaadhaan Waaqayyoon galateeffate.

Sababii wanni inni hojjetu hundi dhugaa, karaan isaa hundinuus qajeelaa taʼeef ani Nebukadnezar, Mooticha samii sana nan jajadha; isa nan leellisa; ulfinas nan kennaaf. Inni warra of tuulan gad deebisuu dandaʼaatii.

"Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati akkam guddaa dha! Kan akka keetii tokko iyyuu hin jiru; akka nu gurruma keenyaan dhageenyetti si malee Waaqni biraa hin jiru.

"Qulqulluun akka Waaqayyoo tokko iyyuu hin jiru;

si malees eenyu iyyuu hin jiru;

kattaan akka Waaqa keenyaa tokko iyyuu hin jiru.

Lewwonni jechuunis Yeeshuuʼaan, Qadmiiʼeel, Baaniin, Hashabniyaan, Sheereebiyaan, Hoodiyaa, Shebaniyaanii fi Phetaayaadhaan, "Kaʼaatii Waaqayyo Waaqa keessan isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatu sana galateeffadhaa" jedhan.

"Maqaan kee inni ulfina qabeessi haa eebbifamu; eebbaa fi galata hundaa olittis ol ol haa jedhu.

Yoo mukni harbuu daraaruu baatee

iji wayinii muka wayinii irra jiraachuu baate iyyuu,

yoo mukni ejersaa ija naqachuu didee

lafti qotiisaa midhaan dhowwate iyyuu,

yoo hoolonni gola keessaa,

loonis dallaa keessaa dhabaman iyyuu,

ani garuu Waaqayyotti nan gammada;

Waaqa isa na fayyisutti nan gammada.

"Isinis na waammattu; dhuftaniis na kadhattu; anis isin nan dhagaʼa.

Waaqatti dhiʼaadhaa; innis isinitti ni dhiʼaataa. Isin cubbamoonni harka keessan dhiqadhaa; warri yaada lama qabdanis garaa keessan qulqulleeffadhaa.

Seja o primeiro