Agradecimento
O agradecimento é a linguagem natural do cristão. Em tudo dai graças! A gratidão a Deus transforma a perspectiva, fortalece a fé e produz alegria em todos os tempos.
Dar graças sempre
Em tudo dai graças, porque esta é a vontade de Deus em Cristo Jesus para convosco. A gratidão é atitude fundamental.
waan maraa keessatti Waaqa galateeffadha’a. Jiruu isin Yesuus Kiristoosiin qaddanu keessatti wonni Waaqi isin irraa barbaadu kana.
Maqaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin, waan maraaf, yennaa mara, Waaqa Abba’aaf galata galcha’a.
Nageenni Kiristoosii, ka isin nafa tokko te’iisaaf itti waamantane, gadhaa keessan keessatti mowuu ti; worra galateeffatulle te’a. Jechi Kiristoosii durummaa ifiitiin gadhaa keessan keessa le’uu ti; qarooma duudi’iin wol barsiisa’a, wol gorsa’a; faaruu adda addaa, faaruu leellisaatii fi faaruu Ayyaantitti’iin Waaqa gadha’aan galateeffataa faarsa’a. Karaa Yesuusiitiin Waaqa Abbaa galateeffataa, jechaan yookiin huji’iin waan gootanu mara maqaa Goottaa Yesuusiitiin godha’a.
Nageenni Kiristoosii, ka isin nafa tokko te’iisaaf itti waamantane, gadhaa keessan keessatti mowuu ti; worra galateeffatulle te’a.
Jechi Kiristoosii durummaa ifiitiin gadhaa keessan keessa le’uu ti; qarooma duudi’iin wol barsiisa’a, wol gorsa’a; faaruu adda addaa, faaruu leellisaatii fi faaruu Ayyaantitti’iin Waaqa gadha’aan galateeffataa faarsa’a. Karaa Yesuusiitiin Waaqa Abbaa galateeffataa, jechaan yookiin huji’iin waan gootanu mara maqaa Goottaa Yesuusiitiin godha’a.
Waaqa jabaattanee galateeffatiisaan, adoo addaan hin kutin daadimadha’a.
Maarre daadimataan, gaaffi’ii fi galataan waan mara Waaqatti beessisa’a malee waan tokkolle’eef hin yaadina’a.
Louvor e gratidão
Entrai pelas portas com ação de graças. Rendei graças ao Senhor porque Ele é bom e a sua bondade dura para sempre.
Galateeffataa gara karra isaa,
leellifataa gara badhinna mana isaa duraa seena’a;
isa galateeffataa, maqaa isaa leellisa’a.
Mootiin Waan Maraa
dansaa waan te’eef,
isa galateeffadha’a;
jaalalli isa ka bara baraa ti.
Mootiin Waan Maraa dansaa waan te’eef,
inni haga bara baraa kolbaa waan jaalatuuf,
isa galateeffadha’a.
Galataan fuula isaa dura dhikaannuu ti;
faaruu leellisaatiin ilillinnuu ti.
Mootiin Waan Maraa Waaqa gudda’a;
waaqota mara irratti mooti’i.
Ee Mootii Waan Maraa, si leellisuun
Ee Waaqa Ol Aana’a,
maqaa keetiif faaruu leellisaa dhikeessuun dansa’a.
Jaalala keeti ka bara baraa ganamaan,
addatamummaa teeti halkaniin lallabuun,
Nami ciincaa galataa naaf dhikeessu na ulfeessa;
nama karaa qajeelaa deemuuf,
fayyisiisa kiyya itti mudhisa» jedha.
Ati Waaqa kiyya; ani si galateeffadha;
ati Waaqa kiyya; ani si saadadha.
Inni dansaa waan te’eef,
jaalala isaa ka bara baraatiif
Mootii Waan Maraa galateessa’a.
Amma, Waaqa keenna, si galateeffanna; maqaa keeti ulfaataa hin leellifanna.
Expressões de gratidão
Graças a Deus pelo seu dom inefável! A gratidão se expressa em oração, louvor e generosidade para com os outros.
Kennaa isaa ta hagana hin jedhanneef, Waaqi galatoomu.
Worri arjummaa teessan karaa keennaan fudhatu mara, Waaqa akka galateeffatuuf yennaa maraa akka arjoontanu, Waaqi waan maraan isin hin duroonsa.
Ammoo Waaqa Karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin injifachaa nu’uu kennuuf galanni te’u!
Waaqi karaa Yesuus Kiristoosiitiin badhaadha ifii waan isinii kenneef ani yennaa maraa isa galateeffadha.
Duraan dursee, dhugeeffannaan teessan biyya lafaa maratti waan dhage’amiisatti jirtuuf, karaa Yesuus Kiristoosiitiin isin maraaf Waaqa kiyya galateeffadha.
Isaan Waaqa adoo beekaneeranu, ulfinnaa fi galata isaaf male hin kennineef; yaada ifiitille’een shufuroo te’ane; qalbiin isaanii duwwaan sun dukkanootte.
Sababille wonni maraa isaan dadamee,
karaa isaatii fi isaaf jiraata.
Ulfinni haga bara baraa isaaf te’u! Ameen!
« ‹Mootiin Waan Maraa isin eebbisu, isin eegu!
« ‹Mootiin Waan Maraa fuula ifii isiniif issu, isin mararu!
« ‹Mootiin Waan Maraa fuula ifii gara keessan deebifatu, nageya isiniif kennu!› jedhiin.
Ani ammoo faaruu leellisaatiin;
ciincaa si’iif hin dhikeessa.
Waan waadaa si’iif galelle hin godha.
Fayyinni Mootii Waan Maraa irraa dhufa» jedhe.
Obboleeyyan tiyya! Nuuti marroo teessaniif yennaa mara Waaqa galateeffatiisa qanna. Dhugeeffannaan teessan akka malee guddataa, jaalaltiin isin woliif qaddanulle ittuma waan dabalamiisatti jirtuuf, akkas tolchuun keenna sirri’i.
Ani yennaa maraa daadimata kiyya ka halkanii fi guyya’aa keessatti yennaa si qaabadhu, Waaqa akkuma abbootii tiyyaa wodanaa qullu’uun tajaajilu hin galateeffadha.
daadimata kiyya keessatti isin qaabataa, marroo teessaniif Waaqa galateeffatiisa hin lakkinne.
Yoona nuuti mootummaa hin tachoone waan dhaalluuf kowa’a Waaqa galateeffanna; karaa inni itti gammaduun, ulfinnaa fi soda’aan kowa’a isa Waaqonfanna.
Nuuti waan kana yennaa mara, addee maratti galata gudda’aan fudhanna.
Yesuus yennaa isaan dhagge, isaaniin, «Dhaqa’aatii hayyootatti ifi mudhisa’a!» jedhe. Isaan adoo dhaqiisatti jiranuu fayyane. Isaan keessaa tokkochi akka fayye yennaa dhagge, qoonqoo guddo’oon Waaqa galateessaa, deebi’ee dhufe. Miila Yesuusiititti jigee isa galateeffate; inni nama Samaariya’aa ti. Yesuus, «Namooti kudhanuu fayyanee motii? Nami sagali meet ree? Namicha orma kana malee, nami Waaqa galateeffatiisaaf deebi’e hin jiruu?» jedhee gaafate. Achiin duuba Yesuus namichaan, «Ol ka’ii deemi; dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti» jedhe.
Adoo inni gara ollaa tokkoo seeniisatti jiruu, namooti kudhan ka dhukkuba goga’aa farrisiisa’aan dhibamaneeranu tokko itti dhufane. Isaan fagoo dhaabbatanee, qoonqoo guddo’oon, «Yesuus! Gootta’a! Nuu nayi!» jedhaneen. Yesuus yennaa isaan dhagge, isaaniin, «Dhaqa’aatii hayyootatti ifi mudhisa’a!» jedhe. Isaan adoo dhaqiisatti jiranuu fayyane. Isaan keessaa tokkochi akka fayye yennaa dhagge, qoonqoo guddo’oon Waaqa galateessaa, deebi’ee dhufe. Miila Yesuusiititti jigee isa galateeffate; inni nama Samaariya’aa ti. Yesuus, «Namooti kudhanuu fayyanee motii? Nami sagali meet ree? Namicha orma kana malee, nami Waaqa galateeffatiisaaf deebi’e hin jiruu?» jedhee gaafate. Achiin duuba Yesuus namichaan, «Ol ka’ii deemi; dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti» jedhe.
Ani yennaa isin qaabadhu maraa Waaqa galateeffadha;