Publicidade

Cânticos 8

1 Ati adoo obboleessa kiyya

ka harma haadha tiyyaa hodhe, naaf teetee,

ani karaa irratti si dhaggee,

adoo si sunqadhee jiraadhe,

silaa eennulle na hin tuffatuuyyu.

2 Ani silaa gara mana haadha tiyyaa,

ta na barsiittee si geessee,

daadhii woyni'ii dansaa sii kennee,

cunfaa midhaan muka rumaaniille

si obaasaayyu.

3 Harki isaa bitaachi

mataa kiyya jala adoo jiraataa;

harki isaa middichi adoo na hanqafata.

4 Ee, dubartoota Yerusaalemii,

jaalalleen kiyya haga inni fedhuma ifiitiin ka'utti,

akka isa hin dammassine,

ani isin kadhadha.

Faaruu Jayeesso'oo
Dubartooti Jaaloti Waajibitti'ii

5 Ta jaalallee ifii qabattee,

goomolee keessaa ol bayiisatti jirtu tun eennu?

Waajibittii

Ani muka appili'ii jalaa si kaase;

haati teeti achitti ulfoottee,

isiin achitti ciniinsifattee si deette.

6 Akka chaappa'aatitti gadhaa keeti keessatti,

irree teeti irralle'etti na mallatteeffadhu.

Jaalalli akka du'aa jabaata;

hinaaffaalle akka boolla awwaalaa jabaatti.

Bobeenni isi'ii akka bobe'a ibiddaa,

ka tallisuu ti.

7 Bisaan guddaan

ibidda jaalalaa dhaanfuu hin dande'u;

lolaan haree hin dande'u.

Nami tokko qabeenna mana ifii mara

jaalalaaf yoo kenne,

ijjumaa hin tuffatama.

Obboleeyyan Waajibitti'ii

8 Nuuti obboleettii diqqittii,

guntuta hin baasin takka qanna.

Guyyaa isii kadhatane,

nuuti maan goona laati?

9 Adoo isiin dalleyaa dhaka'aa teetee,

xelleephoo meeti'ii isii irratti hin ijaarra;

adoo isiin balbala teetee,

saanqaa hindheensaatiin hin cunna.

Waajibittii

10 Ani dalleya dhaka'aa ti;

harmi kiyya xelleephoo fakkaata;

ani ila isaa duratti nama nageya isaaf fidu te'e.

11 Solomoon Ba'aal-Hamoon keessaa

oorruu muka woyni'ii qabaayyu.

Oorruu muka woyni'ii san worra eegutti kireesse;

tokko tokkoon isaanii

gatii midhaan woyni'iitiif,

meetii kuma tokko tokko fidaniiyyu.

12 Oorruun muka woyni'ii tiyya, tiyyuma;

ee Solomoon, ati kuma fudhadhu;

worri oorruu muka woyni'ii eegulle

dhibba lama fudhatuu ti.

Waajibichi

13 Ee, ati ta oorruu keessa leetu,

jaaloti tiyya qoonqoo teeti caqasiisatti jiran;

anille qoonqoo teeti dhage'uu ti.

Waajibittii

14 Jaalallee kiyya, dafii koy!

Akka jiliba'aa yookiin akka ilmoolee gadansaa

gaara uddowaan itti latu irraa utaalii koy!

Veja também

Publicidade
Cânticos
Ver todos os capítulos de Cânticos
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-