Publicidade

Cânticos 7

Waajibichi

1 Ee, intala qondaalaa!

Miilli keeti kophee bexxellicha keessaa,

attam attam dansa'a!

Baarreen tafa keetii dooqa

harki nama hujii harkaa beeku huje fakkaata.

2 Handhurti teeti kuruurruu

akka qorii daadhiin woyni'ii keessaa hin dhabannee fakkaatti.

Uffaan keeti tuulaa qamadi'ii

ta daraaraan itti naanneffame fakkaata.

3 Harmi keeti lamaanuu

lakkuu ilmoolee jiliba'aa fakkaata.

4 Mormi keeti xelleephoo

ilka arbaa irraa hujante fakkaata.

Ilti teeti lamaanuu baleessa Heshiboonii

ka karra Batraabiimii biraa fakkaatan.

Funnaan keeti xelleephoo Libaanonii

ta gara Damaasqo'oo fuula galteertu fakkaata.

5 Mataan keeti gaara Qarmelosii fakkaata;

rifeensi mataa keetiille

maraa haarrii dhiille'ee fakkaata;

mootichille shurrubbaa kanaan booji'ameera.

6 Ee, jaalallee tiyya!

Ati attam attam miidhadda!

Ati attam attam tolta!

Attam attam nama gammachiitta!

7 Hojjaan teeti muka meexxi'ii,

harmi keeti unkuruura isi'ii fakkaata.

8 Ani, «Muka meexxi'ii san hin yaaba;

damee isaa hin qabadha» jedhe.

Harmi keeti akka unkuruura woyni'ii,

fooleen hafuura keetii

akka foolee muka appili'ii teetuu ti.

9 Fooleen afaan keetiille

akka foolee daadhii woyni'ii dansa'aa teetuu ti.

Waajibittii

Daadhiin woyni'ii sun

hidhi'ii fi ilkaan jaalallee kiyyaa keessa dabartee,

laana gad buutuu ti.

10 Ani ta jaalallee kiyyaa ti;

inni na halcha.

11 Jaalallee kiyya, koy!

Baadiyyaa dhandhee,

ollaa keessa bullaa ti.

12 Barii ganamaan kaanee,

gara addee muka woyni'ii dhandhee,

muki woyni'ii guntutee akka baqe,

muki rumaaniille akka daraare ilaalla!

Ani achitti jaalala kiyya si'iif hin kenna.

13 Midhaan muka fedhii jaalalaa kakkaasu

hin uddowa;

ee, jaalallee kiyya,

midhaan dadansaan marti,

ka amma guuramee fi ka bilchaate,

ka ani si'iif lafa keyeeru

balbala teenna dura jiran.

Veja também

Publicidade
Cânticos
Ver todos os capítulos de Cânticos
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-