Publicidade

Cânticos 5

Waajibichi

1 Obboleettii tiyya, waajibittii tiyya!

Ani gara oorruu tiyyaa dhufeera;

qumbii tiyyaa fi uddowaa kiyya wolitti qabadheera;

nadhii dhaaba damma kiyyaa nyaadheera;

daadhii woyni'ii tiyyaa fi aanan kiyya uneera.

Jaaloti

Nyaadha'a, jaalota, una'a, jaalalaan machowa'a!

Faaruu Arfeesso'oo
Waajibittii

2 Ani rafeera; yaadi kiyya ammoo rafee hin jiru;

jaalalleen kiyya balbala dhodhowaa,

«Obboleettii tiyya, jaalallee tiyya!

Saphaliisa tiyya, ta dhidhinna hin qanne, naa bani!

Mataan kiyya fixeensaan,

rifeensi mataa kiyyaalle

dabana halkaniitiin jiidheera» jedhuun dhage'e.

3 Ani ammoo, «Woyaa tiyya baafadheeraa,

attam deebisee uffadha ree?

Ani miila kiyya dhiqadheera,

attam deebisee xureessa ree?» jedheen.

4 Jaalalleen kiyya karaa qowaatiin

harka ifii gara keessaa keye;

gadhaan kiyya isaaf na raafame.

5 Ani jaalallee kiyyaaf balbala baniisaaf ka'ee,

harka kiyyaan qabannoo cufana'aa yennaa qabadhe,

fiqireen qumbi'ii harka kiyya irraa coccoxxee,

qabannoo san irratti dhangalaate.

6 Ani jaalallee kiyyaaf balbala bane;

inni ammoo deebi'ee deemeera.

Yennaa inni dubbate san,

gadhaan na rifate.

Ani isa barbaade;

ammoo hin dhaggine.

Ani isa waame;

inni na jalaa hin owwaanne.

7 Namooti asii fi achi deemaa qachaa eeganu

na dhaggane;

isaan dikanee na madeessane;

eeddoti dalleya qacha'aa

woyaa tiyya na irraa mulqane.

8 Ee, dubartoota Yerusaalemii,

jaalallee kiyya yennaa dhaggitane,

maan isatti hintan seetan?

Ani jaalala isaatiin akka dhibameeru,

itti naa hima'a.

Dubartooti Jaaloti Waajibitti'ii

9 Ati ta dubartoota mara caalaa dansittii teete!

Jaalalleen keeti worra kaan ka attam caalu inni?

Ati akkas ka nu magannifattu,

jaalalleen keeti worra kaan ka attam caalu inni?

Waajibittii

10 Jaalalleen kiyya diimaa hargiisa;

inni nama kuma kudhan keessalle'etti hin mudhata.

11 Buqqiin mataa isaa worqii qulluu fakkaatti;

rifeensi mataa isaa luuccaa,

gurraacha akka harraaqessaa ti.

12 Ilti isaa akka saphaliisa adii

madda bisaanii bira tee'uu,

ka akka waan aananiin dhiqatee

addaatuu,

akka dooqaa jirti.

13 Mallaan isaa akka oorruu uddowa'aa ti;

hidhiin isaa akka daraaraa

fiqiree qumbi'ii dhangalaasuu ti.

14 Harki isaa ulee worqi'ii

ta dooqaan seefante fakkaata;

nafi isaa ilka arbaa

ka dhakaa, «Safiiros» jedhamuun

seefame fakkaata.

15 Miilli isaa utubaa cabbii cululuxxu'uu,

ka worqii qulluu irra dhaabbatu fakkaata.

Inni gaara Libaanonii fakkaata;

akka hindheensa Libaanonii

ka mara caalaa filatame.

16 Haasonni isaa guddoo mi'owa;

inni guddoo jaalatama'a.

Ee, dubartoota Yerusaalemii,

jaalalleen kiyya, jaalli kiyya isa.

Veja também

Publicidade
Cânticos
Ver todos os capítulos de Cânticos
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-