Publicidade

Cânticos 2

Waajibittii

1 Ani akka daraaraa lafa Sharoniitii fi

akka daraaraa dhooqa keessaa ti.

Waajibichi

2 Jaalalleen tiyya dubartoota oddu'utti

akka daraaraa qoree odduu jiruu ti.

Waajibittii

3 Jaalalleen kiyya dargaggoota oddu'utti,

akka muka appili'ii ka baddaa keessa jiruu ti.

Ani gaaddisa isaa jala tee'iisatti hin gammada;

midhaan isaalle afaan kiyyatti hin mi'owa.

4 Inni gara mana gammadaa na geesse;

beessisi jaalala isaa na irra jira.

5 Ani jaalala isaatiin qabame waan gaggabeef,

midhaan woyni'ii nyaachisa'aatii na jabeessa'a;

midhaan muka appili'iitiin na gammachiisa'a.

6 Harki isaa bitaachi mataa kiyya jala adoo jiraataa;

harki isaa middichi adoo na hanqafataa.

7 Ee dubartoota Yerusaalemii,

haga inni fedhuma ifiitiin ka'utti,

jaalallee kiyya tirtirsitanee akka hin dammassine,

ani maqaa jilibaa yookiin gadansa badda'aatiin,

isin magannifadha.

Faaruu Lammeesso'oo
Waajibittii

8 Kunoo, jaalalleen kiyya,

gaarota irra u'utaalaa,

koobota irra burraaqaa dhufuun qoonqoo dhage'a.

9 Jaalalleen kiyya jilibaa yookiin

ilmoolee gadansaa fakkaata.

Kunoo inni dalleya mana keennaa duuba dhaabbata;

qowa dalleyaatiin,

fodda'aan gara keessaa ilaaliisatti jira.

10 Jaalalleen kiyya natti dubbatee,

«Jaalallee tiyya, dansittii tiyya!

Koy, woliin ideenna.

11 Kunoo, ganni dabareera;

bokkeenni roobuu lakkisee caameera.

12 Daraaraan baquu jalqabeera;

yennaan faaruu faarfatanu geetteerti;

qoonqoon saphaliisaa lafa teenna keessatti

dhage'anteerti.

13 Harruun midhaanotteerti;

woyniille daraartee uddootteerti.

Jaalallee tiyya, dansittii tiyya!

Ka'i, woliin ideenna» naan jedhe.

Waajibichi

14 Ee, saphaliisa tiyya,

ta holla dhakaa keessaa,

ta addee dhokata gaara keessaa,

fuula keeti natti mudhisi;

qoonqoo teeti na dhageessis;

qoonqoon teeti natti tolti;

fuulli keeti natti miidhaga.

15 Jeedalootaa fi ilmoolee jeedalootaa

worra woynii teenna ta daraariisatti jirtu

nu duraa balleessu, nuu qaba'a.

Waajibittii

16 Jaalalleen kiyya, kiyyuma;

anille ta isaa ti;

inni daraaraa dansaa keessa horii tissa.

17 Ee jaalallee kiyya! Adoo boruun hin dayya'in,

aduun adoo hin bayin,

akka jiliba'aa yookiin

akka ilmoolee gadansaa,

gaara bu'aa bayii qabu irra

utaalaa gara kiyya koy.

Veja também

Publicidade
Cânticos
Ver todos os capítulos de Cânticos
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-