Publicidade

Cânticos 3

1 Ani halkan guutuu taqee tiyya irratti

jaala kiyya ka lubbu'uu barbaade;

ani isa barbaade ammoo hin dhaggine.

2 Ani amma ka'ee qachaa keessa,

karaa irra, woldeennaa kara'aa irra deddeemee,

jaala kiyya ka lubbu'uu hin barbaada;

ani barbaade ammoo isa hin dhaggine.

3 Worri qachaa eegu adoo asii fi achi deemanuu,

na dhaggane;

anille, «Jaala kiyya ka lubbu'uu

dhaggitaneertanii?» jedhee gaafadhe.

4 Isaan irra akkuma dabareen,

jaala kiyya ka lubbu'uu san dhaggee,

isa qabadhe;

gara mana haadha tiyyaa,

gara kolloo haadha na deetteetitti

haga isa geeffadhutti gad isa hin lakkinne.

5 Ee dubartoota Yerusaalemii,

haga inni fedhuma ifiitiin ka'utti,

jaalallee kiyya tirtirsitanee akka hin dammassine,

ani maqaa jilibaa yookiin gadansa badda'aatiin,

isin magannifadha.

Faaruu Sadeesso'oo
Waajibittii

6 Ka lafa goomole'ee keessaa

akka duumensa aaraa

ol bayiisatti jiru,

ka akka fiqiree qumbi'ii fi hixaanaan

daldaltooti uddowaa mara irraa hujattee kun eennu?

7 Kunoo, barcumaan mootumma'aa ka Solomoonii,

loltoota hunnaameyyii Israa'elii

keessaa ta filatante jaatamaan marfameera.

8 Marti isaaniituu shallaagaa hidhatan;

martinuu muuxannoo lolaa qaban;

bidhaa halkaniitiif

tokko tokkoon isaanii shallaagaa hidhataneeran.

9 Mootichi Solomoon muka Libaanonii irraa,

barcumaa mootumma'aa ka ifii hujisiifate.

10 Miilli barcumaa mootumma'aa sanii meetii irraa,

irkoon isaa worqii irraa,

addeen tee'iisaa woyaa dhiille'een gonfameera;

keessa isaa dubartoota Yerusaalemiititti seesee huje.

11 Ee Dubartoota Yerusaalemii,

dhaqa'aatii kallacha Solomoonii mootichaa,

ka haati isaa guyyaa fuudha isaa,

guyyaa gadhaan isaa gammadetti

itti keette ilaala'a.

Veja também

Publicidade
Cânticos
Ver todos os capítulos de Cânticos
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-