Publicidade

Cânticos 1

1 Faaruu Solomoonii ta faaruu mara caaltu.

Faaruu Qaraa
Waajibittiin

2 «Jaalalli keeti daadhii woyni'ii waan caaluuf,

afaan kiyya keessa na sunqadhu.

3 Fooleen fiqiree teetii hin uddootti;

maqaan keeti akka fiqiree dhangalaatuu ti;

tanaaf durri marti si jaalatti.

4 Na fudhadhuu deemi! Ariifannuu ti;

ee, mooticha gara kolloo teetii na geessi.

Jaaloti

Nuuti si'iin firinxiindhee hin gammanna;

daadhii woyni'ii caalaa jaalala keeti leellinna;

dubartooti marti dhuguma si jaalatan.

Waajibittii

5 Ee, durra Yerusaalemii!

Ani gurraattii te'ulle,

akka dunkaanii Qedaarii,

akka gollaa mana mootummaa Solomoonii miidhaga.

6 Ani gurraattii waan te'eef,

aduun waan na gurraachessiteef,

na hin daaw'atina'a!

Obboleeyyan tiyya natti aaranee,

oorruu muka woyni'ii akka eegu na godhane;

muka woyni'ii kiyya ani hin eeganne.

7 Jaala kiyya ka lubbu'uu!

Hoolee teeti eessa akka tiffattu,

Waareelle eessatti akka boqachiifattu natti himi.

Ani maaniif hoolee jaalota teetii bira

akka dubartii fuula hagooggattee joonja?» jette.

Waajibichi

8 Ati ta dubartii mara caalaa miidhaddu!

Yoo hin beenne teete,

hoolee gula ideemi!

Ilmoolee re'e'ee teeti

dunkaanii tissitootaa bira dheechifadhu.

9 Obboleettii tiyya!

Ati fardoo garreettaa fardaan harkifamu harkisanu

ka Fara'oonii keessaa

akka farda tokkoo ti.

10 Mallaan teeti seesaan,

mormi keetille dooqaan miidhageera.

11 Ani worqii gurraa,

ta meeti'iin seefante hujisiisa.

Waajibittii

12 Mootiin areerratiisatti jiruun,

fiqireen tiyya uddaa ifii fiqqitte.

13 Jaalalleen kiyya akka subba qumbi'ii ti;

inni odduu harma kiyyaa boqata.

14 Jaalalleen kiyya naaf akka daraaraa uddowu,

ka addee muka woyni'ii

ka madda En-Gedii keessaa ti.

Waajibichi

15 Ee, jaalallee tiyya, ati attam attam miidhadda!

Ee, attam attam miidhadda!

Ilti teeti akka ila saphaliisaa ti.

Waajibittii

16 Jaalallee kiyya, ati attam attam miidhadda!

Ati attam attam nama gammachiitta!

Taqeen teenna akka marra bisile'ee ti.

Waajibichi

17 Utubaan mana keennaa muka hindheensaa ti;

dagaleen isaalle muka birbirsaa ti.

Veja também

Publicidade
Cânticos
Ver todos os capítulos de Cânticos
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-