Publicidade

Cânticos 4

Waajibichi

1 Jaalallee tiyya, ati attam attam dansitti'i!

Ee, ati attam attam dansitti'i!

Ilti teeti shaashii ati hagooggattu keessaa,

akka ila saphaliisaa kuulle'e;

rifeensi mataa keetii

re'oota gaara Giil'aadii irraa

gad yaa'anu fakkaata.

2 Ilkaan keeti akka hoolota adii

yennaa rifeensi isaanii muramu

nafi isaanii dhiqamee bisaan keessaa bayanuu ti;

hooloti tun martinuu lakkuu dhalti;

maseenti takkaalle isaan keessa hin jirtu.

3 Hidhiin teeti haarrii diintuu fakkaatti;

haasonni keeti namatti tola.

Mallaan teeti shaashii ati hagooggattu keessaa,

midhaan rumaanii ka gargar baqaqe fakkaata.

4 Mormi keeti xelleephoo Daawitii,

ta wonteen gugurdoon kum tokko,

wonteen goototaa martinuu

itti fannifamanu fakkaata.

5 Harmi keeti lamaanuu jilibaa ilmoolee,

lakkuu jilibaa ilmoole'ee,

ta daraaraa keessa dheeddu fakkaata.

6 Adoo boruun hin dayya'in,

aduun adoo hin bayin,

ani gara gaara qumbi'iitii fi

gara kooba hixaanaa hin dhaqa.

7 Jaalallee tiyya, ati attam attam dansitti'i!

Womaa dhidhinna hin qaddu.

8 Waajibittii tiyya, Libaanon irraa gara kiyya koy!

Libaanon irraa gara kiyya koy!

Qaccee gaara Amaanaa irraa,

qaccee gaara Siinaariitii fi Hermoonii,

goda neenqaa,

koobota qeeransaa irralle gad bu'i.

9 Obboleettii tiyya, waajibittii tiyya!

Ati midhuu teeti takkatti'iin,

dirata morma keetiitiin

qalbii tiyya boojite.

10 Obboleettii tiyya, waajibittii tiyya!

Jaalalli keeti attam attam nama gammachiisa!

daadhii woyni'ii caalaa

attam attam gabbi nama godha!

Fooleen fiqiree teetii uddowaa mara caalti.

11 Waajibittii tiyya!

Hidhiin teeti akka dhaaba dammaa

nadhii coccossiti;

aananii fi dammi arraba keeti jala jiran;

fooleen woyaa teetii akka foolee

hindheensa Libaanonii ti.

12 Obboleettii tiyya, waajibittii tiyya!

Ati akka oorruu itti ijaaramee ti;

akka madda dalleyaan marfameetii fi

akka burqaa cuqqaalamee ti.

13 Ati akka oorruu muka rumaanii,

ka midhaan dansaa buusu,

ka daraaraan uddowuu fi

biqiltuun naardoosii achi keessa jiranuu ti.

14 Muki Naardoosii, biqiltuun uddoottu,

marri uddowu, qarafaan,

muki hixaanaa, muki qumbi'ii,

daraaraan hargiisaatii fi

uddowaan dansaan adda addaa marti

achi keessa jiran.

15 Ati akka burqaa bisaan addee oorru'uu,

ka boolla keessaa yaa'u,

bisaan gaara Libaanoniitii gad yaa'uu ti.

Waajibittii

16 Ee, qilleensa kaabaa dammaqi!

Ee, qilleensa kibbaa koy!

Oorruu tiyyatti qilleensi;

fooleen isi'ii uddoottuun fiqittuu ti.

Jaalalleen kiyya gara oorruu ifii dhufee

midhaan oorruu ifii dansaa nyaatuu ti.

Veja também

Publicidade
Cânticos
Ver todos os capítulos de Cânticos
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-