Alma
A alma é a parte mais íntima do ser humano — sede da vida, dos afetos e do encontro com Deus. A Bíblia convida a cuidar da alma com zelo e a aquietá-la diante do Senhor.
A alma diante de Deus
Bendize ao Senhor, ó minha alma! A alma suspira por Deus como a corça suspira pelas águas — com sede de eternidade.
Ee lubbuu tiyya Mootii Waan Maraa leellisi;
keessi kiyya duudiin maqaa isaa woyyicha leellisi.
Ee Waaqa, ati Waaqa kiyya;
ani si barbaada.
Akka lafa bisaan dhaddee goggoddee,
lubbuun tiyya si dheebotti;
nafi kiyyalle si dharra’a.
Ee lubbuu tiyya maaf gaddita?
Na keessatti maaf jeeqanta?
Ani deebi’ee Waaqa fayyisaa kiyya waan leellifadhuuf,
Waaqa keetitti addii godhadhu.
Fayyinni kiyya isa irraa waan dhufuuf,
lubbuun tiyya Waaqa qofa cadhittee eegatti.
Ani Mootii Waan Maraa eegadha;
Lubbuun tiyyalle hin eegatti;
addi’iin jecha isaa eegadha.
Yennaa ani faaruu leellisaa si’iif faarsu,
afaan kiyya, lubbuun tiyya ta ati wodattelle
si’iif hin ilillisan.
Seerri Mootii Waan Maraa dhidhuu hin qabu;
lubbuu haaressa.
Ajaji Mootii Waan Maraa addatama’a;
nama gowwaa qaroo godha.
Keessa namummaa tiyyaa ka dade si’i;
gadaamessa haadha tiyyaa keessatti
sittuu na dade.
Ani baasa maso’oo te’ee waan dadameef,
ani si leellisa;
hujiin teeti waan maade’ee ti;
anille tana miidhassee beeka.
Ee Mootii Waan Maraa,
worra dhara dubbatuu fi
soba dubbatu jalaa na baasi.
Cuidar da alma
Que aproveita ao homem ganhar o mundo inteiro e perder a sua alma? Buscar a Deus de toda alma é o caminho da vida.
Nami waan lafa tanaa mara qabaatee lubbuu ifii ammoo yoo dhabe maan isaa baati? Yookiin nami wodoo lubbuu ifiitiif gatii maan kaffalu’uu dande’a ree?
Yesuus deebisee, « ‹Waaqa Goottaa keeti, gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti’iin, qalbii teeti takkatti’iin jaaladhu›.
Worra foon namaa ijjeesu, ammoo ka lubbuu ijjeesuu hin dandeenne hin sodaatina’a; irraa caalaa, qilee keessatti lamaanuu foonii fi lubbuulle ka balleessuu dande’u Waaqa sodaadha’a.
Garuu achuma keessattuu Mootii Waan Maraa Waaqa keessan gadhaa tokkochaa fi lubbuu takkatti’iin yoo barbaadattane, isa hin dhaggitan.
Seeraa fi ajaja Muuseen tajaajilaan Waaqaa isiniif kenne ifi eegganna’aan muummessa’a: Waaqa Goottaa keessan jaaladha’a; fedha isaa muummessa’a; ajaja isaa eegadha’a; isaaf addatama’a; gadhaa keessan tokkochaa fi lubbuun teessan takkatti’iin isa tajaajila’a» jedhe.
«Amma yennaan ani du’u geetteerti; isin keessaa tokko tokkonuu, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan waan dansaa waadaa gale mara tokkolle adoo hin hafin akka isiniif kenne, gadhaa ifii tokkochaa fi lubbuu ifii takkatti’iin hin beeka.
Isin na hin barbaaddan; gadhaa tokkochaan yoo na barbaaddane na hin dhaggitan.
Mootiin Waan Maraa, «Qaxxaamura kara’aa irra dhaabbadha’aatii ilaala’a; daandii durii, karaa dansaa gaafadha’aatii irra ideema’a; lubbuu teessaniifille foora hin dhaggatan» jedhe.
Isin ammoo, «Nuuti isa irra hin ideennu» jettane.
Dubbiin dansaan akka nadhii dammaa ti;
namatti mi’ootti;
lafee namaatiifille fayyinna kenniti.
Jaala kiyya! Akkuma lubbuun teeti tolte, akka fayyaa teetuu fi wonni maraa si’iif tolu hin daadimadha.