Pular para o conteúdo
Publicidade

Amigo

Por Bíblia Online

O amigo verdadeiro é dádiva rara de Deus. Ele ama em todo tempo, fala a verdade em amor, aconselha com sabedoria e permanece fiel nas adversidades da vida.

Amizade verdadeira

Há amigo mais chegado que um irmão. Em todo tempo ama o amigo. O perfume e o incenso alegram o coração — assim o conselho doce do amigo.

Namni michoota baayʼisu ni bada;

garuu michuun obboleessa caalaa namatti aanu ni jira.

Michuun yeroo hunda nama jaallata;

obboleessi immoo guyyaa rakkootiif dhalata.

Shittoo fi ixaanni garaa nama gammachiisu;

gorsi michuus garaa nama ciibsa.

Akkuma sibiilli sibiila qaru,

namni tokko nama kaan qara.

Jaalala dhokfamee mannaa

ifannaa ifatti baʼe wayya.

Madaan michuun nama madeessu amanamaa dha;

dhungachuun diinaa garuu gowwoomsaa dha.

Michoota keetii fi michoota abbaa keetii hin gatin;

yoo balaan sitti dhufe mana obboleessa keetii hin dhaqin;

obboleessa fagoo jiru irra ollaa dhiʼoo jiru wayya.

Namni nama ogeessa wajjin deemu ogeessa taʼa,

michuun gowwootaa garuu ni miidhama.

Jecha sadaffaa

Nama dafee aaru michuu hin godhatin;

nama akka salphaatti dheekkamu wajjinis tokkummaa hin qabaatin;

yoo kana goote karaa isaa baratta;

ofii kees kiyyootti galchita.

Namni hedduun akka jaalala hin dhumne qabu dubbata;

nama amanamaa garuu eenyutu argachuu dandaʼa?

Badhaadhummaan michoota hedduu nama argachiisa;

hiyyeessi garuu michoota isaa irraa gargar baʼa.

Jesus, o amigo

Já não vos chamo servos, mas amigos. O maior amor é dar a vida pelo amigo. Jesus é o amigo que nunca falha.

Eenyu iyyuu jaalala guddaa kan namni lubbuu isaa dabarsee michoota isaatiif kennu sana irra caalu hin qabu. Waan ani isin ajaje yoo raawwattan isin michoota koo ti. Garbichi waan gooftaan isaa hojjetu waan hin beekneef, ani siʼachi garboota isiniin hin jedhu. Qooda kanaa ani michoota isiniin jedheera; ani waanan Abbaa koo irraa dhagaʼe hundumaa isin beeksiseeraatii.

Ajajni koo isa kana: Akkuma ani isin jaalladhetti isinis wal jaalladhaa. Eenyu iyyuu jaalala guddaa kan namni lubbuu isaa dabarsee michoota isaatiif kennu sana irra caalu hin qabu.

Yaa michoota, erga Waaqni akkana nu jaallatee nus wal jaallachuu qabna. Namni tokko iyyuu takkumaa Waaqa hin argine; yoo wal jaallanne garuu Waaqni nu keessa jiraata; jaalalli isaas nu keessatti guutuu taʼa.

Yesuus Kiristoos lubbuu isaa dabarsee nuuf kenneera: Jaalalli maal akka taʼes kanaan beekna; nus akkasuma lubbuu keenya dabarsinee obboloota keenyaaf kennuu qabna. Namni qabeenya addunyaa qabu kam iyyuu yoo obboleessa isaa rakkataa argee garaa itti jabaate jaalalli Waaqaa akkamitti isa keessa jiraachuu dandaʼa? Yaa ijoollee jaallatamoo, kottaa dubbiin yookaan afaan qofaan utuu hin taʼin hojii fi dhugaadhaan jaallannaa.

Kanaanis wanni katabbii qulqulluu keessatti, "Abrahaam Waaqa amane; kunis qajeelummaatti lakkaaʼameef" jedhu ni raawwatame; innis michuu Waaqaa jedhame.

Jaalala obbolummaatiin jabeessaa wal jaalladhaa. Ulfina walii kennuutti wal dorgomaa.

Companheiros de fé

Dois são melhores do que um. Os companheiros de fé se fortalecem mutuamente e caminham juntos com o Senhor.

Isaan sababii hojii isaaniitiif gatii gaarii waan argataniif

nama tokko irra nama lama wayya:

Yoo inni tokko kufe,

inni kaan ol isa qaba.

Garuu namni kufee kan ol isa kaasu hin qabne

garaa nama nyaata!

Obboloonni tokkummaadhaan walii wajjin jiraachuun,

akkam gaarii dha! Akkam namatti tolas!

Kun akka zayitii gatii guddaa

kan mataa irratti dhangalaafamee,

akka isa areeda irra gad yaaʼuu,

areeda Aroon irra, morma uffata isaa irras gad yaaʼa ti.

Innis akkuma fixeensa Hermoon,

kan Tulluu Xiyoon irra gad yaaʼuu ti.

Achi irratti Waaqayyo hamma bara baraatti eebba isaa,

jireenyas ajajeeraatii.

Ani warra si sodaatan hundaaf,

warra ajaja kee eegan hundaafis michuu dha.

Yoonaataan sababii akka mataa isaatti isa jaallateef Daawit wajjin kakuu seene.

Hin gowwoomfaminaa: "Hiriyaan hamaan amala gaarii balleessa."

Seja o primeiro