Amor de casal
O amor de casal é celebrado na Bíblia como dom sagrado. O Cântico dos Cânticos exalta a beleza do amor conjugal — íntimo, exclusivo e forte como a morte.
Akka chaappa’aatitti gadhaa keeti keessatti,
irree teeti irralle’etti na mallatteeffadhu.
Jaalalli akka du’aa jabaata;
hinaaffaalle akka boolla awwaalaa jabaatti.
Bobeenni isi’ii akka bobe’a ibiddaa,
ka tallisuu ti.
Bisaan guddaan
ibidda jaalalaa dhaanfuu hin dande’u;
lolaan haree hin dande’u.
Nami tokko qabeenna mana ifii mara
jaalalaaf yoo kenne,
ijjumaa hin tuffatama.
Obboleeyyan Waajibitti’ii
Obboleettii tiyya, waajibittii tiyya!
Ati midhuu teeti takkatti’iin,
dirata morma keetiitiin
qalbii tiyya boojite.
«Jaalalli keeti daadhii woyni’ii waan caaluuf,
afaan kiyya keessa na sunqadhu.
Fooleen fiqiree teetii hin uddootti;
maqaan keeti akka fiqiree dhangalaatuu ti;
tanaaf durri marti si jaalatti.
Ee, jaalallee tiyya, ati attam attam miidhadda!
Ee, attam attam miidhadda!
Ilti teeti akka ila saphaliisaa ti.
Waajibittii
Jaalallee kiyya, ati attam attam miidhadda!
Ati attam attam nama gammachiitta!
Taqeen teenna akka marra bisile’ee ti.
Waajibichi
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi, «Namichi qofii ifii te’uun dansa’aa moti; ani waa’ela qarqaartuu isaa, isaaf hin dada» jedhe.
Mootiin Waan Maraa Waaqi cinaacha namicha keessaa fuudhe san irraa, namittii dadee, gara namichaa fide.
Achiin duuba namichi,
«Amma reefuu, lafeen isi’ii lafee tiyya irraa,
foon isi’ii foon kiyya irraa dhaggame;
isiin namicha irraa waan dhagganteef,
‹Namittii› jedhantee waamantuu ti» jedhe.
Tanaaf nami abba’aa fi haadha ifii hin lakkisa niitii ifii woliin hin tokkooma; isaanille foon tokko hin te’an.
Nami haadha manaa dhaggatu waan dansaa dhaggata;
Mootii Waan Maraa biralle’ee fudhatama dhaggata.
Maddi keeti ka eebbifame te’uu ti;
niitii teeti ta qeedhumma’aan fuute woliin firinxiixi.
Isiin jaalatantuu akka gadansaa,
biifa qabeettii
akka jiliba’aa
sii teetuu ti.
Harmi isi’ii yennaa mara
dheebuu si baasuu ti;
jaalala isi’iitiin
yennaa mara machowi.
Ilma kiyya,
maaf dubartii gaarayyeeffattu’uun machootta?
Maaniif qoma dubartii nama dhibi’ii hanqafatta?
Maarre isaan haganaa achi foon tokko malee, lamaa moti. Tanaaf waan Waaqi wolitti qassiise nami gargar hin baasin» jedhe.
Jaalalli ossaamessa; jaalalli arja’a; jaalalli hin hinaafu; hin bondhooru; ifi hin jaju. Jaalalli jallichaa moti; jaalalli bu’aa ifii qofa hin barbaadu; jaalalli hin bilinjawu; jaalalli yakkaa hin laakkowu. Jaalalli dhuga’atti malee, hammeennatti hin gammadu. Jaalalli yennaa mara hin ossa; yennaa mara dhugeeffata; yennaa mara hin addata; yennaa mara ciniinnatee ossata.
Akkasuma, abbootiin manaa akkuma nafa ifii jaalattu haadhotii manaa ifiille jaalatuu ti. Ka haadha manaa ifii jaalatu ifi jaalata. Nami nafa ifii jibbu hin jiru; ammoo akkuma Kiristoos wolde’a kiristaanaatiif godhu, hin nyaachisa, hin qananiisa.
Te’uu malee, isin martinuu akkuma ifi jaalattanu haadha manaa teessan jaaladha’a; haati manaalle abbaa manaa ifii ulfeessituu ti.
Kana mara caalaa jaalala waan mara tokkummaa miju’uun wolitti hidhu uffadha’a.
Eloo ifiitiif bu’aa dansaa waan dhaggatanuuf, tokko te’uu irra lama te’uu woyya. Tokko yoo jige, kuun ol kaasa; yoo jige, ka ol isa kaasu, nama hin qanneef ammoo aanne’e. Nami lama yoo woliin rafe, wol hin o’isa; nami tokko attam qofuu ifi o’isuu dande’a ree? Nami tokko nama qofuu jiru injifatulle, nami lama ifi irraa dhooggatuu dande’an. Wodaroon sadiin dhowante ariifattee hin cittu.
Waaqi isinii fi muttaaraa teessan foonii fi Ayyaanalle’een tokko hin goonee ree? Maaf tana godhe? Sanyii Waaqa sodaattu waan barbaadeeruuf tana godhe; tanaaf ifi eeggadha’a! Muttaaraa teessaniif addatamummaa hin dhabina’a.
Nami reefuu fuudhe tokko, gara duulaa hin dhaqin yookiin hujiin dhibiille itti hin bacatin. Inni haga woggaa tokkoo mana ifiititti bilisa te’ee, niitii fuudhe san woliin gammaduu ti.