Publicidade

Jó 8

Biildaad

1 Achiin duuba Biildaad nami biyya Shu'aa deebisee,

2 «Haga yoomii dubbii akkasii dubbatta?

Dubbiin afaan keetii baatu

akka qilleensaa ti.

3 Waaqi muraa hin dassaa?

Yookiin Waaqi waan mara dande'u

dhugaa hin dassaa?

4 Ijoolleen teeti yoo Waaqa yakkitee jiraattee,

inni adabbii cubbuu isaaniitiif

dabarsee isaan kenne.

5 Ati ammoo yoo Waaqa barbaaddee,

Waaqa waan mara dande'ulle yoo gaafatte,

6 ati qullu'uu fi qajeelaa yoo teete,

inni dhugumaan si qarqaariisaaf hin ka'a;

gara addee teetii

ta si'iif maltetti si hin deebisa.

7 Jalqabi keeti diqqaa te'ulle,

muummee irratti hin banqaaxxa.

8 «Me dhaloota durii gaafadhu

waan abbootiin isaanii qorqoranee dhagganelle qalbeeffadhu.

9 Nuuti kalee waan dhalanneef,

womaalle hin beennu.

Barri keenna ka biyya lafaa irraalle

akka gaaddisaa dabara.

10 Wonni isaan si barsiisanuu fi sitti himanu

waan hubataneeranuu motii ree?

11 Allaaduun addee caffaan hin jirretti

latuu dandeettii ree?

Addee bisaan hin jirretti

shonbooqqoon hin banqaaxxii ree?

12 Adoo kichu'uutuu

adoo hin muramin

biqiltoota dhibi'iin dura hin qooran.

13 Worri Waaqa dedhu duudiin

akkasuma;

addiin nama Waaqa malee le'uu hin baddi.

14 Inni waan akka kaso'otti citutti addata;

addiin isaalle mana saaphuphu'uu ti.

15 Nami tokko mana saaphuphu'uutitti

yoo irkate, manni sun hin dhaabbatu.

Inni mana san yoo qabate,

isa duraa hin cita.

16 Nami hamaan akka biqiltuu aduu keessatti dagaaguu ti;

dameen isaa oorruu gubbaa babadhata.

17 Hiddi isaa tuulaa dhaka'aatitti marata;

odduu rassa'aa keessalle karaa barbaadata.

18 Nami tokko addee isaa irraa yoo isa buqqise,

addeen sun,

‹Ani si dhaggee hin beeku›

jettee isa hin mormatti.

19 Kunoo, gammadi jiruu hidda sanii kanuma;

biqiltuun dhibiin lafa san keessaa hin latan.

20 «Waaqi worra komii hin qanne hin gatu;

yookiin worra hantuu huju hin qarqaaru.

21 Inni akka ati kollituu fi

ilillittu si hin godha.

22 Worri si jibbu qaanii uffata;

dunkaaniin worra hama'aa hin baddi» jedhe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-